Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

FDG Oromiyaa Mara keessa Itti Fufee Jira!

Sadaasa 15, 2006 (Oromiyaa) - Akkuma beekamu FDG Godinaalee Oromiyaa Guutuutti itti fufee jira. Haaluma kanaan G/L/Sh Aanaa Daannoo fi Aaanaa Noonnoo keessatti uummati mormii isaa dhageessisaa jiraachuun isaa ibsame.

Gama biraan Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Cawwaaqaa keessatti lukkeewwan wayyaanee uummattoota aanichaa irratti diraamaa gooftolii isaanii dirqamaan hojjechaa akka jiran ibsame. Aanicha keessatti Kaabinooti Wayyaanee diraamaa garaa garaa maqaa uummattoota qubattootaatiin hojjechaa jiru. Sabboontotii fi keessa beektoti akka ibsanitti dhiiga Oromummaa kan of keessaa hin qabne habishooti kaabinoota aanaa sanaa ta’an maqaa uummattootaatiin maallaqa gargaarsaa mootummoota gamtoomanii fi dhaabbilee mit-mootummaa alaa iraa argamu galii dhuunfaa isaanii godhachuun itti fayyadamaa jiru. Haaluma kanaan aanaa kana keessatti maallaqa maqaa uummataatiin walitti qabaniin ykn argataniin  lafa waliif  qoodanii mana baay’ina qabu hanga 45 ta’u ijaarratanii uummata naannoo sanatti argamutti gurgarachuuf qophaa’aa akka jiran ibsame. Haa ta’u malee jarooti kun mana seerummaa hin qabne ykn seeraan ala ijaarame kana uummata gowwomsanii itti gurguruuf qophaa’anis uummati kana hubatee  jira. Kanaafuu mana seeaan ala habashoota kanaan ijaaramee uummata keenyatti gurguratanii balleessanii baduuf jiran kana uummati keenya gowwomsamee akka irraa hin bitnee fi manneen seeraan ala laaf |Oromoo saamuun ijaaraman kana irratti tarkaanfii fudhachuuf qophaa’oo  akka ta’anii fi lukkeewwan hojii kanatti ramadamanii hojii diinaafi faayidaa garaa isaaniif uummata keenya gowwomsuun yakkaa jalaa bahuuf yaalan:

1ffaa, Salamoon (Bulchiinsa Aanaa Cawwaaqaa),

2ffaa, Balaachoo ( I/A Bulchiinsa Aanichaa)

3ffaa, Tamasgeen ( I/G/ Beeksiisaa fi Qunnamtii uumataa Aanichaa)

4ffaa, Malkaamuu ( ajajaa Poolisii Aanichaa)

5ffaa, Malkaamuu ( Ittisa Yakkaa Aanichaa)

6ffaa Zalaalem ( Qorataa Yakkaa Aanichaa)

7ffaa Pheexiroos ( I/G/ Waajira Haqaaaanichaa) Nugusee ( I/G/ Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa

9ffaa Zakkoo Koree Lafa hirtuu

10ffaa Shimallis ( Bulchiinsaa fi Nageenya aanicahaa)

11ffaa, Dammissee ( Itti g/Waajira Qonnaa aanaa sanaa ) yommuu ta’an yakkaa waliin ta’anii uummata aaniccha keessa jiran irratti raawwataa jiran irraa akka of qosatan kana ta’uu baannaan tarkaanfiin qabsoo hadhaawaan akka irratti fudhatamu sabboontoti aanicha keessatti argaman akeekkachiisaniiru. Sabboontoti aanicha keessa jiran akka ibsanitti manni ijaarme kun hundi seeraan ala kan ijaaramee fi maallaqa maqaa uummataatiin gargaarsaaf argameen amallee maaallaqa mataa isaaniitiin waan hin taaneef yakka jalaa bahuuf daddaffiin uummatatti gurguranii baduu akka ta’e uummati naannichaa hubatee akka irraa hin bitnee fi baasii hin taaneef akka hin saaxilamne cimsanii akeekkechiisaniiru.

Haaluma walqabatee Godinuma kana keessattti  sabboontoti Oromoo ciminaan gurmaa’anii FDG aeemsifamaa jiru dhaaba isaanii duukaa ta’anii wareegama barbaachisu kanfaluun hanga Oromiyaan bilisoomtuttii fi Oromoon abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffatutti kan itti fufan ta’uu isaanii sabboontoti godinicha keessaa aanaalee addaa addaatti argaman ibsa ejjennoo baafataniin ibsaniiru.

Maadheeleen ciccimoon godinicha keessa jiran akka ibsanitti qabsoo oromoo finiinee jiru yoomiyyuu caalaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru.

*********

Godina Arsii Lixaa Ona Arsii nageellee keessatti FDG Masaa lammaffaa Jabaatee tti Fufee jira.

Sadaasa 8,2006 jala bultii Sadaasa9 Guyyaa ummatni Oromoo hundi Kabajatu Ummatni Arsii nageellee  Suurraawwan Barattoota Oromoo FDG irratti Waraana wayyaaneetiin ajjeefaman Magaalaa Guutuu keessatti maxxaansuudhaan waajjiroota Fuula duraa fi Karaa gubbaatti maxxansuun Barii sadaasa 9 ,2006 Ummatni Magaalaa arsii nageellee Suuraa Barattoota Wareegamanii Daaw’atuun Guyyaa guutuu Gaddaan kabajatani Olaniru. Dabalataanis Dhaamsa Maal dhaamanii Jaallawwan Qabsoof kufanii fi Waraqaa Ummata Oromo Gumaa Ilmaan keeti Baasuuf Tokkummaan Gara qabsooti Ka’I Jedhu Magaalaa guutuu keessa Facaasanii jiru. Mootummaan wayyaanee Sadaasa 9 ,2006 Suuaawwanii fi Waraaqaalee Magaalicha kessa Faca’an Guuruuf Carraaqus Osoo inni hin kaasin Jiraattonni Magaalaa Arsii Nageelleefii Naannoo isii Ummata Oromoo fi saboonni Birootis Daaw’tuun Gaddaan kabajataa olaniiru. Itti Fufuunis sadaasa10 ,2006 Baattoonni mana baruusa sadarkaa lammaffaa Arsii nageellee guyyaa guutuu  baruumsa Baratuu diduun Barattoota Wareegaman Suuaa isaanii qabatuun Faarsaa Olaniiru. Waraqaalee Adda addaa Ummata Oromoo Qabsoo irratti jabeessan Qopheessuun walii facaasaa Olaniiru. Sochii barattootaa fi Ummata kanati akka malee Kan Rifate mootummaan Wayyaane Poolisii Feediraalaa Mooaaana Baruumsaa fidee Gadi naqus Barattoonni Gootummaan afoo dhaabbatuun akka isaan Mooraa Mana Baruumsaa ol hin seenne dhoogganii jiru.
Seentanii Nufixxanis Duu`ii Gumaa Obboleeyyan keenyaa Baafatuuf Duunuu Du’a seenaa qabdu waan taateef Hin sodaannu jedhaniinii jiru. Mootummaan wayaanee Sochii Ummata naannoo Kanaatti Rifae Ummata nagayaa Guuraa Hidhaa jira.

**********

Maadheen armaan gadii gumaacha qabsoo gumaachuun Ibsaa ejjennoo armaan gadii baafatan.

Mandhee Qaanqee Salaalee

Mandhee Siidaa Taaddasaa Birruu

Mandhee Fonqolchaa Gabrummaa   

Mandhee Gaaddisa Lammii       

1. Duula mataan Mallas nurratti banee qolachuuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophii dha.
2. Du'a barataa Shibbiruu Damissee gadda nutti dhaga'amu ibsaa Gumaasaa ni baafnaa.
3. Dhaamsa dhaabni keenya ABOn nuttii dabarsu hojiitti hiikuf qophii dha jechuun dhumaa irrattii yeroo ammaan tana godiina Kaaba Shawaa onoota gara gara keessatti lukkeewwan diinaa hojii diinummarratti bobba'aniif akkekkachiisa kennaniiru

************

Sochiin Ayyaana Sadaasa 9  Diina Oliifi Gadi Raasaa Jira.

Godina lixa shawaa keessaayyuu masaraa mootummaa magaalaa Ambooti polisiin federaalaa dhoksaan qubatee torban kana keessa uummata goolaa jira. Yeroo ammaa kana Aanaalee adda addaati bobbahuun sabboontota Oromoo reebaa fi hidhaa jira.

Magaalaa Gudar:

Barata Manbaraa Magarsaa, Barata Maamusha Qabbanna, Barataa Dajanee Abdiisaa, Barata Ibsaa Abarraa, Barata Baqalaa Waaqijiraa

Magaalaa Amboo

Barataa Gammachuu Abdiisaa fi Abbabaa Xilaahun

Magaalaan Gudar guyyaa kaleessaa diddaa jiruun garmalee jeeqamaa akka olteef poolisoonni dhukaasa bananii ijoollee hiraarsaa akka olan hubatameera. Akkasumasi dargaggoonni Oromoo 18 (kudha saddeeti) akka hidhaman hubadheera. Magaalaadhuma Gudar kanatti barsiisota qajeelfama  OPDO fudhatanii ijoollee hisisaa jiran keessaa barsiisota lama irrati ejannoo fudhatamee qaama isaanii irratti akka miidhaan gahe hubatameera.

Magaalaa Amboottis Ijoolleen heddu Jimlaan mana hidhaatti guuramaa kan jirani yoo ta`u Guyyaa kaleessaa mana barumsaa Cariiti jeequmsi cimaan akka turee fi barattoonni baayi`een hidhamanii manni barumsaa akka cufamee oolee odeeffannoon achii argadhe ni addeessa. 

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net