Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Shawaa Lixaa(Xiqur Incinnii) fi Shawaa bahaa (Adaamaa)

Fincila diddaa gabrummaa (Oromiyaa) - Haalaa yaadannoon wareegamtoota FDG itti rawatee L/shawaa keessaa aanaa Xiqur/Iti haala addatiin akka kabajamee ole oduun achi nuqaqabuu ni addessaa akkasumaas baha shawaa Bushooftutii mana bar/ boolee fi mana bar/kaattaa jedhamanitii jequmsaa umaameen baratoon heeduun guraamaani mana hidhatii akka naqaman ibsameera. Kana malees mani hidhaa waal hanqannaani galmaa bulchissaa keessati akka nama hidhaa jiraan oduun achii nu qaqabuu ni addeessaa.

**********

Barattooni Oromoo Yuniversity Finfinnee sadaasaa 9, 2006 Kabajatan!

Akkuma Oromoon Addunyaa mara itta jiru sadaasaa 9, 2006 kabajate ooleen, Barattoota yuniversity finfinnees guyyaa kana ayyaaneffatanii oolanii jiru.

Barattoonni Oromoo wal dhugeeffatanii fi waliin socho`an akka doormii isaanii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun gootota Oromoo qabsoo kana irratti wareegaman yaadachuun oolaniiru.

Ibsa isaan baafatanis akka nu qaqabeen isinii dabarsina.

***********

Ilaalcharratti shakkii qabna jechuun hojiirraa gadi buufamuu fi lukkeen ol butamuu

(Promotions and demotions based on alleged  political opinion in East Wollegga educational Institution!)

Mana Barumsaa Cambee naannoo Shaambuu aanaa  Horrootti sababa ilaalcha shakkine jedhuun Daarikteera kan ture Barsiisaa Tasfaayee Dhugaasaa gaafatamarraa gadi buusuun, kaabinee lukkummaan hojjetuu fi Barsiisaa Bayyanaa Galataa jedhamu Daarikteera godhanii muuduurraa kan ka’e walitti bu’insi mana barumsichaa keessatti ka’ee jira. Kunis jala bultii yaadannoo gootota FDG irratti wareegamaniirratti ta’e.

Keessa beektotni sochii ummatnii fi barataan wal ta’ee FDG bifa haaraan itti seenuuf jiru ukkaamsuuf lukkummaan amanamaa nama ta’een dhimma bahuuf jedhu.

Sababa kanaan barattoota hedduu, jaarrolee fi dubartoota jimlaan hidhaatti guuranii jiru; ammas ittuma jiru.

Aanaa kanuma keessatti kaabinee haaraa Toluu Hangaraasaa jedhamus muudanii jiru, kaabinoota lameen kanaa fi Ijaarsa Dandeettii aanaa kanaa kan ta’e Fiqaaduu Tsaggaa namoota jedhamani egaa ummata naannoo kanaa kan saaxilaa lukkummaan dura bu’anii wayyaanee tajaajilaa jiran.

Ummatni akka dhaammatetti jarreenu kun sadeen gochaa isaanii kanarraa yoo hin dhaabbatan ta’e tarkaanfiin sirreessaa akka irratti fudhatamu akeekkachiisaniiru.

********

Ummata walitti buusuun bu’aa siyaasaa wayyaaneen argattu yaroonsaa darbeera                          

Naannoo  magaalaa Dirre dawaatti wayyaaneen dargaggoota hojii hin qabnee fi sirna hin qabne(durriyyee) maqaa sabaan dammaqsuun saba Amaaraa fi Oromoo walitti buusaa akka hojjetaa jirtu dhagahame.

Naannoo laga Harreetti ummata walitti buustee jirti; kanarratti Sabboontotni Oromoo akka xiinxalanitti Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii ijaarame laaffisuuf jecha miseensota dhaabotii siyaasaa jala saboota jiran walitti buusuu akka kaayyeffatte irra gahaniiru.

Kanarrattis dhaamsa :

  • Sabni Amaaraa shira wayyaanee kanaan gowwomee akka hariiroo dansaa jalqabame fi of dura jiraachuu malu akka hin gufachiifne cimsanii akeekaniiru.
  • Sabni Oromoo naannoo kanaas shirri kun kan wayyaaneen kallattii Fincila Diddaa Gabrummaa jijjiiruuf kan  dhama’aa jirtu dhaa kanaaf hin dogoggoriinaa jenna.
  • Wayyaaneen ammoo waan yaroon itti darbe kanaan bu’aan argattu akka hin jirre ammoo kan irra shirri kee saaxilamu waan ta’eef akka irraa dhaabbattu cimsanii hubachiisaniiru.
  • Walumaa gala yaroon qabsoo wal ta’anii jabeessuun diina waloo ofirraa kaasuudha malee yaroo walitti deebi’an akka hin taane hubatamee akka TBD jabeessinee ofdura tarkaanfannu dhaammanna jedhaniiru.

Gara biraan oduun gara baha irraa nu gahe :

Waraanni wayaanee Harar jiran walitti bu’aa akka jiranii fi ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo sababa tokko malee shakkamanii waan jala deemamuuf rakkoosaanii karaa sabboontotaa dhaammataa jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net