Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa #1

Sadaasa 9,2006 Yaadannoo Gootota FDG irratti wareegamanii Oromiyaa keessatti haala Aja`ibaan Kabajamee Ooleera!

Sadaasa 10, 2006 (Oromiyaa) - Magaalaa Gimbiitti Yaadannoo gootota FDG irratti wareegamaniif walqopheessaa barataa Oromoo Tigiraayitti ajjeefame reeffasaa simachuuf iyya waliif dabarsaa bubbulani!

Magaalaa Gimbii keessatti Hiriirri ture irratti (Barattootni waraqaa gootota kufanii faarfatu, gaaffilee Oromoo qabatee fi suuraa gootota FDG irratti wareegamanii qabuu facaasaa alaabaa  qabatanii magaalaa keessa naannahanii dhaadatan.

Haa ta’u malee reeffa barataa Shibbiruu Damissee dhorkataa turamee(Finfinneetti) akka ummatni heddumminaan bahee simatuu fi fincila kaasuu waan hubataniif gaafa Facaasaa gara Roobiitti bariihu(Sadaasa 8,2006 sa’aa 4:30 am) halkani qixxeen booda dabarsanii baadiyyaa Aanaa Oomaatti galchani!

Haa ta`u malee ummatni karuma qabatee ayyaana sadaasa 9,2006 tiif qophaahe. Haala kanaan Sadaasa 9,2006 barattootni manneen barnootaa gad lakkisanii suuraa gootota wareegamanii fi barruu gootota kanneen faarsitu, dhaadannoo fi gaaffii Oromoo qabatte facaasaa turani, alaabaa fannisanii dhaadannoo goototni irraa wareegamanii olkaasaanii faarfataa turani!

Kanattis diinni rifattee poolisa gad lakkisuun ummata karaa deemu callisanii qabanii hidhaa turani! Magaalaa sanas waraanaan marsanii jiru.

Kanneen keessaa Obbo Maarqos Tarreessaa, Obbo Daggafaa, Taammiraat fi kanneen biro hedduun qabamanii hidhaatti darbamaniiru!

**********

Sadaasi 9, 2006 akka guyyaa seena qabeessaatti kabajamee oole.

(Celebrating the day of Our martyrs on FDG in different parts of Ormiyaa)

Akka odeessi naannolee adda addaarraa nu qaqqabetti guyyaan FDG kun haala adda addaan kabajamee akka ooledha! Bakkoota hunda kan walfakkeessu:

·         Wayyaaneen sodaan muddamtee sakattaa karaarratti, manneen hojii fi jireenyaa, konkolaataa karaa deemu irratti gaggeessaa jiraachuu,

·         Ummatuma karaa deemu dabalatee hidhaatti guuraa jirti,

·         Waraana magaalatti marsuu fi meeshaa matrayyasaan/girnoofa dabalatee konkolaataatti fe’anii ummatarra naannessuun doorsisuu,

·         Poolisa magaalaa keessa heddumminaan qubachiisuu,

·         Basaastota bobbaasanii ummata saaxiluuf tattaafatuu fi kkf tu mul’ata!

Haala kanaan wayyaanee fi lukkeeleen Aayyaana sadaasa 9, 2006 kan FDG godhamaa jiru fashalseen jira jedhanii dhaadatu, Oromoon malaa fi toftaa jijijjiirrataa akka qabsoo itti jiru daran jabeessaa jira. Akka wayyaanee fi lukkeen FDG to`attes waan yeroo muraasa keessatti muldhatu dha.

**********

Barattoonni Oromoo Amboo Ayyaana Waggaa Tokkoffaa FDG Mana Ooluun Kabajatan! (Curfew in AMBO)

( Hojii, barnoota, sochii dhaabanii mana oolanii Yaadachuu )

Guyaan sadaasa 9,2006 guyyaa waggaa barattootni biqiltuu qaqqaalii  gaaffii sabasaanii kaasanii tokko rasaasa diinaan yoo kufu kan biraan olqabuu dhaqee rasaasa diinaan irratti kufedha! Jaagamaa dhaadannoo kaasee Mirga hiree murteeffannaa Oromoof! jedhaa jiru rasaasni qaamasaa seentee isa kuffuste, Kabbadaa Badhaasaas bakkuma kana sa’aa kanatti walirratti kufani!

Sanii asis walirraa otoo hin cinne wareegamni Oromiyaa mara keessa/hundarratti kanfalamaa ture, ittis jira!

Kana yaadachuuf barattootni magaalaa Amboo guyyaa sadaasa 6 eegalanii hanga 8tti sochii barnoota dhaabuun hiriira bahuuf walqindeessaa barruu waliif dabarsaa turani! Poolisii fi waraannis itti roorrisuun hamtuu itti aggaamanii eeguu jabeessani!

Gama Ummatni Amboo fi naannooshee Sadaasa 9,2006 qophi godhaa turee diinni baay’inaan irra qubatte, poolisa, waraana meeshaa akka Matrayasii/girnoofaa fi kan biro magaalarra qubachiisani!

Ummatni Magaalaa Amboos yaadannoo isaa akka duraan yaade ala bahuu dhiisee mana ooluun yaadachuu filate(Curfew)!

Haala kanaan hojjetaan waajjira cufee, barataan mana barumsaa cufee, qaamumti mootummaallee hojii dhaabee haala addaan magaalaan sun akka waan namni keessa hin jirree waraanaa fi poolisa qofaan keessatti mul’atu taatee oolte!

Ummatni barruu fi suuraa barattoota wareegamanii waliif dabarsaa dhaadannoo gumaan keessan hin haftu harkatti deebiti jedhaa wal onnachiisaa akka tures hubatameera!

Ilmaan qacaleen nurraa wareegamanis nuyi qacaleen hafne bakka isaanii buunee dhaadannoo isaanii olkaafna! Jechaa dhaadachaa turan.

 

Dhiiga gootota keenyaa firii malee hin hambifnu!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 ********

Gyuuaan Sadaasaa 9, 2006 Godina Kibba Bahaa keessaa Haala Gaariin Kabajamee Oole!   Godina Arsii lixaa Magaalaa Shaashamannee keessatti ilmaan Oromoo guyyaa Sadaasa 9 bifa gaariidhaan ayyaaneffatanii oolaniiru. Haaluma kanaan sabboontonni ilmaan Oromoo Barattoota, Daaldaltoota, Hojjatootaa fi Qonnaan bultoota dabalatee gaaffin Ummata Oromoo deebi`uu qabdii jechuudhaan ifatti dhaqanii bulchiinsa godina Arsii Lixaa gaafatanii jiru. Haaluma kanaan Godina baalee Magaalaa Gindhiir keessatti sabboontonni Oromoo bakka addaa addaatti walitti dhufuudhaan guyyaa kana haala gaarii dhan yaadachaa akka oolan odeessi achi irra na dhaqabe addeessee jira. ********* Gootonni Barattoonni Kollejjii Amboo Sababa Gaaffii Mirgaa Gaafataniif Polisa Federaalaan Reebamaa Jiru!   Sadaasa 10, 2006 sa’a 10 irraa kaasee koolleejjiin Ambo Diddaan goolama keessa galtee jirti. Wayyaanotii fi lukkeeleen yaada diddaa Oromoon itti jiru kana gara dabarsuuf rakkinni waa’ee baruumsaa waliin walqabatee mooraa kana keessa jira, jechuun walgayii waamanii. Gootonni barattooti kollejjii Amboo garuu nuti marii keessan hin feenu jechuun walgayii lukkee fi wayyaanee dhiitanii ba’an.   Dhimma kana sababeeffachuun humni polisa federaalaa naannoo sanatti ummataa fi barattoota Oromoo irratti duule dhimma isa hin galchine keessa galuun, gaaffii ijolleen Oromoo haqaaf kaasaa jiran gara jeequmsaatti jijjiiruun barattoota dallaa koolleejichaa keessaa galuun reebichaa fi midhaa qaamaa fi qalbii irraan gahaa jiru.   Barattoota kollejichaa gara dirree kubbaatti walitti qabuun reebbichaan hamlee cabsuuf tattaafatuyyuu, kun kan barattoota daran jabeessee xiqiin qabsoo akka finiinsan taasisu malee qabsoo Oromoo duubatti harkisu akka hin taane sabboontonni Oromoo dhaamu.   Kanaan duras barattoonni Oromoo kollejjii Amboo waa’ee barataa maqqaleeti ajjeefamee fi waa’ee FDG ganna tokkoffaa sababeeffachuun kabajachuuf itti qophaahaa jirtu jechuun barattoota walitti waamuun rakkisaa akka turan beekkamaa dha. Walumaa galatti naannoo koolleejjitti namnni nagaan bilisa ta’ee socho’uu hin danda’u. Magaalaan Amboo polisii federalaatiin wal makamtee goolamaa jirti.

********

Barattoonni Oromoo Sadarkaa Lammaffaa fi Tokkoffaa Amboo, Gudarii fi Xuqur HIncinnii FDG Marsaa Lammaffaa Bifa Harayaan Itti fufan!

Barattoonni mana barumsa Ambo sadarkaa 2ffaa hara’a sadaasa, 10, 2006  ittisni diinaa haga funyanitti hidhatee nu keessa socho`us, qabsoo keenya irraa nu hin hambisu  jechuudhaan diddaa isaanii itti fufuun diina dhiphisaa oolaniiru. Kanuma irraa ka’uun barattoonni akka gadi hin banee ummata waliin akka wal hin arganneetti  balbala ittii cufuun barattoota konkoataa lamaan fuudhanii mana hidhaatti naqaniiru lakoofsi barattoota kana 50 ol akka ta’uu beekkameera.

Manni barumsaa Gudaris fincila diddaa gabrummaa gaafa 9/2006 irraa kan marsaa lammaffaa kaasuun humna weerartuu diina oliif gadi fiigsisaa olaniiru  barattoonni heduunis hidhamaniiru, Magaaluma Gudaritti manni barumsa sadadarklaa 1ffaan lukkee wayaanee kan ta’an  barsiitoota Qaqabaa Kudhaamaaf barsiisaa Toleeraa jedhamu hin jeeqinaa jedhanii ijoollee dhorkuu kanaan barattoonni tarkanifii barbaachisu irraatti fudhataniiru. Yeroo ammaa lukkeeleen kun mana yaallaatti dhibamanii yaallamaa jiru. Dhukaasa heduuni barattoota irratti banamuun miidhaan qaqabsiise haga ammaatti hin baramne.

Barattoonni ona(aanaa) Xuqur Hincinniis sadaasa 9, 2006 guyyaa ayyaana FDG kabajachuuf mana barumsa cufuun oolaniiru. Kanaan boodas tarkaanfiin isaanii akka itti fufan dhaamanii jiru.

**********

Sababoontoonni Dargagooni fi Shamaraan Magalaaa Naqamtee Kessa jirataan Ayyaana FDG Haala gaariin kabajatanii Oolaniiru! ·         Guyyaan kun guyyaa dhiigni baratoota fi qonnaan bulaa Oromoo itti coobe dha ·         Guyyaa lafeen baratoota fi qonnaan bulaa Oromoo itti cabee dha ·         Guyyaa lubuun qaalii baratoota fi qonnaan bulaa Oromoo itti Wareegame dha kanaaf Sadasaa 9.2006 sababeefachuun dargagoonni Oromoo sabboonnoo ta’an kun Duungoo ibsaan, wayyaa gaddaa hufachuun, mataa isaani haaddatani kabajaachaa olaaniru. Kabaja ayyaana FDG kana booda mare adda addaa gegeefataani Ibsa eejenno qabxii ja’aa qabu bafataaniru.   1. Lubbuun oobboleeyyaan keenyaa bahee hiika akka argatuuf Nutis qabsoo kana hangaa deebbii argatutti haga lubuu keenyaati ni qabsoofinaa, 2. Obboleeyyaan Keenyaa nu bukkeeeti ajjeefaamun booree qabsoo nutti taatee qabsootti nu jabeessiti malee qabsoo irra duubati nuun hin deebisuu. 3. Labsii Obboo Malaas Zeenawii Oromoo dhabamsiisuu irratti (nurrati) labsee cimsiinee ni balaleefana. 4. Oromoo addan basuuf wayyaaneen amanttin walitti buusuun ummatoota lolichisaa jirtu kana Ni balaleefanna. Nutti immoo Tokkuummaa keenyaa ni ciimsaana. 5. Qabsaayoota Hidhuu fi ajjeesuun furmataa biyyittiif hin fidu! Diinnis kana akka hubatu gorsina! Akeekkachiisna, Qabsaayota hidhuun dhabama isaa irraa isa hin hambisu! 6. Sooda tookko male FDG ni finniinsina.

*****

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net