Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Ummanni Oromoo FDG Marsaa Lammaffaa Itti fufe!

Sadaasa 9, 2006 (Oromiyaa) - Ummanni Oromoo FDG Marsaa Lammaffaa Itti fufe! Wayyaaneen Ummata Oromoo Hidhuu fi Hiraasuu Jabeessite! Oromoonis Haga Dhumaatti QBO Waliin Dhaabbachuuf Waadaa Isaa Haromfachaa Jira!

Ummanni Oromoo sochii FDG karaa addaa addaatiin itti fufee jira. Haaluma kanaan Magaalaa Giincii, Amboo, Gudar, Tokkee Irreensaa, Baabbicha, Geedoo, Baakkoo, Siree, Naqamtee, Arjoo, Gimbii fi Ganjiitti sochiin uummataa haala gara garaan guyyaa har’aa sadaasaa 8, 2006 jalqabeera.

Magaalaa Leeqaatti kaleessa sadaasa 7, 2006 guyyaa sa’a 6:00 irraa eegalee saroonni wayyaanee mana sabboontota irra deemanii erga sakkatta’aa turanii booda namoota  9 mana hidhaatti guuranii gidirsaa jiru. Namootni yeroo ammaa mana hidhaa naqamteetti guuramanii argaman :

1.       Gammachuu Wadaajoo, 2.       kumarraa Fiixee, 3.       Tasfaa Motorraa

4.       Hayiluu Boggaalaa (Itti Gaafatamaa Waajira  Bulchiinsaa fi Faayinaansii   Godina W/Bahaa), 5.       Asaffaa Fayisaa hojjetaa waajjira maallaqaa G/W/Bahaa, 6.       Bars. Dassaaleny, 7.       Margaa Goobanaa, 8.       bars. Taayyee Daamxoo, 9.       Margaa Guutamaa

Fi kanneen biros yeroof kan hin beekamne as magaalaa naqamtee keessatti mana hidhaa diinaa wayyaaneetti gidirfamaa jiru. Sabboontonni Oromoo marti dhimma mirga Oromoof jecha mana hidhaatti guuraman marti goota Oromoo ta`uu Oromoon marti hubachuu qaba!

Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaa manni barnootaa magaalaa naqamtee keessa jiran kamiyyuu hin banamiin oolan. Sababiin isaas barattooti obboleessa keenya Shibbiruu Dammisee Yuuniiversiitii Maqaleetti nu jalaa ajjeeffame simachuu qabna jedhanii osoo mana barumsaa hin seeniin oolaniiru.

Gama biraan ammo G/L/Shawaa iddoo gara garaatti sabboontota mana hidhaatti guuruun qabsoo Oromoo waan duubatti deebisu itti fakkaatee ammas itti fuftee jirti. Magaalaa Sabbataa  keessaa namoota mana rifeensaa hojjetan osoo hin hambisiin mana hidhaatti guuraa oolaniiru. Ta’us uummati garuu isin nutti buutu taanaan nutis duubatti hin deebinu ittumaa cimna malee jechuun diddaa isaanii agarsiisaa jiru. Magaalaa Bishooftuuttis waan wal fakkaataatu raawwatame.

Gama biraan reenfa Shibbiruu Dammisee simachuuf uummati bahe hundi garaa gubannaan gumaa qabsaa’ootaa baasuuf nutis du’arraa hin deebinu jechuun dhaadataniiru.

Wallagaa Lixaatti kan argamuu fi ijaarsa isaa diinarratti babl’ifatee kan jiru “Maadheen Gumaa Balaachoo`` siyaasa Oromoo fi FDG irratti yeroo dheeraa erga mari’atanii booda Ibsa ejjennoo baafatanii xummuraniiru. Maadhichi yeroo ammaa of jalatti maadheelee xixiqqoo hanga 26 ijaaree kan socho’aa jiru yommuu ta’u yeroo ammaa ijaarsa isaa jabeeffatee FDG ta’uu fi Tumsa dimookraasii gama ABO gama kamiin iyyuu deeggaruu fi cinaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Ibsa ejjennoo isaanii keessatti akka ibsanitti “nuti yom iyyuu taanaan bilisummaa keenya goonfachuuf ABO fi WBO cinaa hiriirree  aarsaa nurraa eegamu baasuuf/kanfaluuf qophee dha” jechuun ibsataniiru.

**********

Reeffa Barataa Shibiruu Damisee Wayyaneen Kennuu Diduu

Guyyaa dheengaddaa 06/11/2006 galgaala Reeffi barataa Shibbiruu Damissee Batii kan Yunvwrsiitii Maqaleetti ajjeefamee Hospitaala Miniliik bulee kaleessa 07/11/2006 Barattoonni Yunversiitii Finfinnee fi Ummatii Oromoo Finfinnee ganamaa sa'aa tokko qabee gaggeessuuf achiitti wal ga'ee sakkatta'amuun Hospitaalaa eddii rawwatee booda Reeffii ba'ee konkolaataa ittiin dhufeetti fe'amee socho'uuf jennaan  nannoo sa'aa 3 qabdee hidhttoonni wayyaanee achiittii wal geessee wan turteef Reeffii akka dallaa Hospitaalaa hin baanee dhoorkiite kanaan ummatnii fi barattoonni kan nu ajjeesan irraatti Reeffa keenyaa nu dhoowwatuu jedhee yaadaa ariin dudubbachuu jalqabnaan Konkolaataa kan biraatti feetee fudhattee milqsiitee namootaa murta'ees ukkamsiitee fudhatee badde. Yaroo boodaa naannoo sa'aa 10 booda Reeffi Bufataa Polisaa nannoo miniliki jiruu sanattii akka namaa fayyaa egii hiitee tursiitee boodaa lafa galgaleessiitee fudhanii demaan. Kansii immoo kan rawwattu gara caaluu Magaloota karaara jiran Amboo, Gincii, Geedoo, Baakoo fi Naqamteetti Ummatnii ba'ee akka Reeffa gaggeessuu wan jedhamee dhaaba irraa dhaamameef kana sodaaf jechaa kan goodhaa akka jiran hubatameera.

************  

Ajjeechaa fi Reeffa Barataa Maqaleetti Ajjeefamee Odeessa dabalataa!

Egaa reeffa fudhataanii awwaallachuun hojii nuuf ta'ee jira. Har'a mucaan keenyi maqalee suun (Shibbiruu Damissee) reeffisaa gaggeeffamee jira.

Kaleessa galgala hospitala Miniliki gahe, har'a ganama sa'a 10:00  irratti konkolata lakk. TG00176 maqalee dhaa kan fidetti fe'amee ture achii hanga waaree bodaa sa'a 3:00 Polisiif bakka bu'aan baratoota warrii achii fidan gara biyyaa hin gessinu jedhanii polisiin Finfinnee ammoo nuun hin ilaalu kan jedhuun walii galuun dadhabamee hanga sa'a 3:00 turame.Bodarra kennan.

Wanniii nama gaddisiiuu Reeffi namaa kabaja dhabee daddarbamaa Konkolataatti yeroo 3 fe'ame. Dura isaa maqalee fidee hindeemu jedhee lakk 00176 booda yeroo isaan akka galgalaa'u darbaan nammoonni kan dhuunfaa lakk OR00156 kan ta'eettii feenaan dallaa keessaa hanga nami bahuutti hin baasnu jedhani.Turee reeffa baasani akka ala dhaabaniin obboleettiin mucaa waan akka Dr. waamee godhanii boodatti hambisan konkolataa reeffa fuudhee konkolataa polisii lamaan 0196 fi 0051 egamaa fudhaan 'taxeqiin' gahan hanga sanatti ammoo konkolataa biroon obboleettiifi nammota muraasa Konkolataa 3ffaa lakk OR05545 kan ta'een qaqabsisan. Akka jedhaanitti konkolataa kan Motumma Oromiyaatuu erge jedhan reffa kan namii kirefatee irraa itti jijjiiranii makinaa polisii 4tiin eegaa fudhaan deeman kan hangaa sa'a 4:15WB wajjin tureen ijaan argee gaddee gale. Wanii nama gaddisiisu baay'ee ture.Garba akka taane nan beeka garuu har'a garbaa  gadi akka taane hubadheen jira! Yoo jabaanne kana jijjiirra!

Reeffa SHIBIRUU DAMISEE Maqaleerraa fidanii H/Minilikitti qorachiifana jechaa turanii amma erga ragaa sobaa qopheefataniin duuba ammoo umanni karaarratti yaa'ee akka reeffa eegaa jiru erga hubataniin booda sodaatanii konkolaataarratti reeffa fe'anii dhaabataa jiru.

Konkolaataa Minii Baasii Lakk. kan daldalaa teetarratti fe'ani jiiru.Nuuf kennaa jennaan ammo didanii jiru.

Ummanni ammoo gudoo aaree jira.

Wayyaaneen garu waa'ee Sadaasa 09, 2006 kana quba waan qabdu fakkaatti. Nama gar malee haala kana dura mul'atee hin beekamneen hidhuutti jirti.

Akkuma Simee Tafarraa sana jechuudha. Kaayyoon warra kanaa garu eenyus yaa ta'u eenyuyyu yoo Oromoo ta'e dhabamu qaba, isa jedhu waan ta'eef abuma qoosmiitti argatan mara ajjeesaa jiru. Kun Oromoo isa silaa rafuuf muguu eegalerree kan qabsoof damaqsiisudha malee gonkumaa kana nu sodaachisuu miti. Isaantu harkaan abidda qabate.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net