Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee rakkoo garaagaraatin Hubamte

Sadaasa 4, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Diddaa Ummataa, Rakkoo Keessaa, fi Waraana Biyya Ollaan Hudhamtee Waan Qabdee Waan Dhiiftu Wallaaltee Jirti.

Haaluma kanaan yeroo ammaa uummata Oromoo irratti gidiraa raawwattu cimsitee itti fuftee jirti.  Oromoon bakka jiruu didee biyya isaa dhuunfatuuf wal qopheessaa jira.

 Gama biraan sodaan wayyaaneen ilmaan Oromoo waraana ishee keessa jiran sodachuun kutaa waraanaa 4ffaa magaalaa maqaleetti argamu keessaa loltoota Oromoo ta’an baay’inni isaanii kan 620 ta’an irraa amantaa waan dhabdeef akkuma lammii isaanii warra kaanii booda meeshaa natti garagalfatu jechuun waan shakkaniif wayyaaneen hiidhamuun akka gidirfamaa jiran madden achi jiran nuuf ibsaniiru.

 Kutaa waraanaa garaa garaa irraa kan walitti bahan loltooti wayyaanee 6000 ol ta’an moonaa waraanaa wayyaanee keessatti ( Huursoo fi Awaasaatti) gorsa fudhatanii guyyaa har’aa huccuu waraanaa Somaaliyaa jijjiirrachuun gara Somaaliyaatti ka’uun isaanii ibsameera. Keessa beektoti fi ragaaleen ijaa akka ibsanitti loltooti kun huccuu waraanaa duraan uffatan baasanii kan somaaliyaa uffachuudhaan gara somaaliyaa akka deeman kan itti himame ka’uuf yeroo jedhani. Sana dura garuu waanti tokko akka itti hin himamnee fi fedhii isaaniitiin ala ta’uu isaa ibsaniiru. Kanneen somaaliyaatti har’a ergaman keessa ilmaan Oromoo baay’een akka hin jirre himameera. Ilmaan Oromoo humna waraana wayyaanee keessa jiran akka qawwee isaanii diina isa jalqabaa wayyaanee irratti waliin galagalfachuuf qophii isaanii xumuratan sabboontoti Oromoo dhaammatu.

**********

Oromiyaa Keessati Ilmaan Oromoo Hidhuun Hojii Guyyuu Ta`e

 Guyyaa sadaasa 2, 2006 Adaamaa irraa namoota mana hidhaatti guuraa jirti, ammallee namoota hedduu hidhuuf kan barbaadaa jiran ta`uun hubatameera. Namoota hidhaman keessaa namni Birraan Roorissa jedhamu keessatti argama. Birran kana dura hidhamee iddo hikamee ji'aa afur reefu ga'aa. Wayyaanee fi lukkeen sodaa FDG marsaa haaraayaa fi bifa qindaaheen itti fufaa kan jedhuu irraan kan ka'ee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu hojii godhatanii jiru. Namoota heddu immoo qabuuf barbaadaa jiru.

********

Polisiin Federaalaa Oromiyaa Keessatti Bobbaafamuu Eegaluun Hubatame.

Miseensoti polisii federlaalaa sodaa Sadaasa 9, 2006 guyyaa barattoota Oromoo akka bineensaatti rasaasaan rukutaa ture irraa kan qabuun kan ka`e sadaasa kana keessa diddaan ummataa ni ka`a jechuun, dirqama hamaa polisoota federaalaatti kennuun barattootaa fi ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo hiraarsuuf wayyaaneen bobbafamanii jiru. Haala kanaan Polisooti Federalaa Naannoo Amboo Fi Gimbiitti bobbahuun hubatamee jira.

  Polisoni Federala  wayanee kan magala Gimibii kessaatii arigaman Galigala sa’a sadii boda magala keessa namota rebicha  cimma irran ga’a jiru. Baratoni galgala baratanis Kara bahanii fi galan dhabani Rebicha guddan wani irra ga’a jirufii Mana barumisa dhaabufi diriqama jiru jedhama. Sodaan wayyaaneen qabdu kun diddaa ummataan ka`u polisooti naannoo Oromiyaa waan hawwannoo ummata isaaniif muldhisaniif polisoota Federalaa itti ramaduun waan isaan baasu itti fakkaatee jira. Haalli kun polisoota naannoo fi federlaa gidduutti rakkoo cimaa uumuu akka dandhu sabboontoti Oromoo dhaamu, mootummaan polisa federaala keessaa lammii biro fi kan lammiin Oromoo xinnoo keessa jiru Oromiyaa keessatti bobbaasuun isaa kolony isa baroota dheeraa Afrikaa irra ture hardhallee Oromiyaa keessa jiraatuu muldhisa jedhu.

 Wayyaaneen dhimma kan humna polisa naannoo fi kan federaalaa wal madaalchise itti dhimma bahuuf haa barbaduyyu malee ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo polisa federaala keessa jiran akka ummata isaanii reebuu fi hiraarsuuf fedha hin qabne ibsu. Polisoonni garii kan wayyaaneef amanamoo ta`anii fi garaaf bulan ammoo yeroon murtii ummataa argachuuf deeman fagoo miti.

 Kanaaf polisooti Oromoo kan polisa federaala keessa jirtan keessaan wal ijaaruun polisoota naannoo waliin odeessa walii kennuufi wal marihachuun akka lammii keessan irra miidhaan hin geenyee jabeessitanii ummata keessan tiksitan dhaamaa, warra yakka ummata irratti hojjetanis galmeeffachaa fi raga itti qabachaa, duubaan akka tarkaanfiin ummataa irratti fudhatamu walii dhaamaa harka lafa jalaan qabsoo ummata keessan irratti hirmaattan sabboontoti Oromoo dhaamu, itti dabaluunis wayyaaneen guyyaan dhabama ishee waan diyaatee umurii ishee gabaabsuuf Oromoon martii fi sabooti cunqurfamoo wal cinaa hiriiranii wayyaanee saboota irraa kaasuun biyya ofii dhuunfachuu irratti hojjetamu saboontonni jabeessanii dhaamu.

********

Oromyiaa mara keessatti Wayyaaneen Ilmaan Oromoo Hidhaan Hiraarsuu Jabeessitee JIrti, JImmaa fi Iluu keessattis bifuma wal fakkaatuun gochaa hammeenyaa raawwataa jiru.

Duulli ilmaan Oromoo  Godina Jimmaa fi Iluu A/Booraa hidhuu guyyaa kaleessaa galgalaa ( 03-11-2006) qabee hanga harra ganama 11:00 pm tti ballinaan itti fuffee jira. Jimma irraa Ona Qarsaa, magaalaa Jimmaa fi Maannaatti ilmaan Oromoo ofitti amanan heddumminaan akka qabamanii waajjira poolisaatti hugguramaa jiran hubatamee jira. Akka kanaan Zoonii Jimmaatii :

1. Jamaal A/Goojjam A/Waarrii -Magalaa Jimmaa, 2. Caaltuu -Magaalaa Jimmaa, 3. Jawaasr Mahammad -Ona Maannaa Irraa;

4. Idiriis A/Garoo- Ona Qarsaatii, 5. Najiib A/Jihaad fi kkf qabanii hidhanii hiraarfamaa jiru.

Namota heddutu Ona Qarsaa irraa harra`a Barii irraa Sa’aa 11.00 qabamanii hidhamaniiru. Akkasumas magaalaa Mattuu irraa:

1. Huseen Ahimad, 2. Mahammad-amiin Faaris, 3. Jihaad Sayid Barii harraa`aa ganama Sa’aa 11:00 irratti qabamanii mana hidhaatti darbatamniiru. Namoonni hidhaman kun martuu manni isaanii hayyama mana murtiin alatti yeroo tokkicha sakatta`amuu isaa hubatameera.

  Waan kun hundi kan godhamaa jiru FDG Oormiyaa keessatti babal'ataa jiru gufachiisuu fi sodaan muddamuurraa kan ka'e ta'uun hubatameera!

***********

Ibsa Maadhee Abdii Ummataa 

Gaafaa guyyaa 26/10/2006 mandheen Abdii uummataa jedhamuu onaa Kuyyuu keessattii walga'ii haala yeeroo irraattii ilaalchisee ergaa godhatanii nagaan xummuurrachuu isaani gabaasaniiru.  Haaluma kanaan ibsa maadhee baafatanii jiru.

1. TBD Dhaabni keenya ABOn tolfate ni deeggarraa, 2. Ilmaan Oromoo Waraanaa wayyaanee keessaa of baasanii gara qabsoo ummataa isaanitti makamaniittii gammanneerraa haalumaa kanaan kan hafan illee faanaa isaanii akkaa hordofan waamicha qabsoo tolchinaaf, 3. Gumaa goototaa wareegamaniini ni baafna jechuun waadaa isaani haaromsaniiru.

*********

ONA BAATUU KEESSA AKEEKI DIINAA SAAXILAME!

  1. Sodaa Wayyaaneen haala Oromiyaa keessa jiru sodachuun mana hidhaa Baatuu ( Zuwaay) eeguuf humni waraanaa Birgeedii tokko ta'u ramadamuun irratti hojjetaa jira.

2. Humni waraanaa Uffata sivilii Uffatee maqaa misoomaa tin Baadiyyaa keessa socho'ee qonnaan bulaa fi barattoota basaasuuf bobahee jira.

3. Kaanis Maqaa investimentiin ummata ganda Misoo Baqalee fi Girrisaa lafa misoomtuu jallisiif oolaa jirtuu irraa kaasuun qabeenya ummataa saamuun ummata hiyyoomsuuf karoorfatanii jiru.

4. Investra Biyya ollaa galchina jedhanii Ummata Qarshii fi namoota dhimma kanaaf bitamaniin gowwoomsaanii ilmaan Tigraayif lafa kennuu dhaaf qophii xumuranii jiru.

5. Miseensota Kaabinee kan dhaloota naannoo sanii ta'an maqaa " ABO namoota ta'an dabarsitanii hin kennine, naannummaa qabdu" jechuun Bittinneessanii Kaabinee haaraa mudanii jiru.

6. Aanaa dugdaa keessa gurmaa'ina ABO balleessuu maqaa jedhuun sabboontota fi namootaa fayyaalessa ta'an irratti duula haaraa jalqabameen namoota dhibba shan ta'an gara waajjiroota dhimma milsihaa, bulchiinsaa fi haqaatii fi bulchaa aanatti waamudhaan doorsissa akka jiran hubatamee.

7. Namoota kana keessa dubartootni, maangiuddootni, qonnaan bultootni, barattootni fi barsiiftoonti keessatti argamu.

8. Jeequmsa aanaa kana keessatti ta'aa jiru hunda sabani nama Obboo Dassaaleny jedhamuu kan asii dura basaastuu ture amma immo bulchaa aanaa dugdaa ta'ee kan mudame ta'uun beekamee jira.

  Haala kana keessatti ummatin Oromoo naannoo Batuu maal godhuu qaba ?

 1. Miseensota Kaabinee dhalootaan naannoo sana ta`an sababa ummata isaan keessaa bahaniif dhaabbatanii ummataaf hojjetan qofaa isin miseensota ABO dhoksitu jedhamuun sirrii miti. Sababa kanaafis Kabinummaa isaanii irraa ka`uu hin qaban. Kaabinonni dhimma kana falmachuu qabu, ummatinis waliin hiriiree gaaffiin isaanii akka deebbii argatu dhiibbaa gochuu qaba. Wayyaaneen nama isheef tole jedhee bulu male nama ummataaf yaaduu fi ummata irra harka qabu hin jaalattu. Kun amala gabroonfataati.

2. Qonnaan bulaa dhalootaan lafa argate kana maqaa adda addaan lafa irraa fuudhanii, ilmaan isaa lafa malee hanbisuun gidiraa fi rakkina dhalooti bara baraan irraa hin dandamanne keessa si galchuuf sirratti hojjetaa jiru. Kanaaf lafa kee irraa ka`uun sitti hin jiru. Takka waan xinnoon lafa kee irraa kaanaan itti deebihuun si dhiba, lafa kee irratti wareegama baasuun dhalootaaf dabarsuu malee lafa kee diinaaf gad dhiisuu hin qabu.

3. Basaastuu wayyaanee of irraa eeguun warra dhugaan wayyaaneef basaasan irratti tarkaanfii sirreessaa fudahchuu hin dagatiin. Doorsisa diinaa kana tokkummaan harka wal qabadhuu socho`i jechuun sabboontoti Oromoo dhaamu.

 

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net