Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

FDG:- Lukkeeleen Barattoota Oromoo Ragaa Barnootaa Dhorkaa Jiru.

Sadaasa 1, 2006 (Oromiyaa) - Lukkeeleen Barattoota Oromoo Ragaa Barnootaa Dhorkaa Jiru.

Godina Jimmaa Ona Saqqaa Coqorsaa keessatti barattoota waraqaa Maatirikii dhorkatamaa jiru. Akka kanaan barataa Abdul-aliil A/Maccaa jedhamu jiraataa Ona Shabee Somboo kan ta’e waraqaa kana dhorkatamee jira.

Sababni isaas lukkeeleen barataa kana sobaan yakkuun, Alaabaa OPDO bara darbe Sareetti hiitee magaalaa Saqqaa Coqorsaa keessa gadhiifte jedhanii ta`uun hubatameera. Waraqaa kana barattoota dhorkataa kan jiranu Biiroo Barnootaa Ona Saqqaa fi Bulchiinsa Ona Saqqaa akka

*********

Wayyaanee fi lukkeen Barattoota Oromoo Maaliif Miseensa OPDO hin taane Jechuun Mana Barnoota Irraa Arihaa Jiru!

Magala shambu mana barummsa sadarkaa lammaffaa keessatti lukkeeleen baratoota adda qoodanii waliitti busa jiru. Haala kaanan barattoota Oromoo maaliif miseensa OPDO hin taatan jedhanii waa`ee lukkummaa gootota Oromoo barsiisuuf yalan, warra miseensa OPDO ta`an maqa isani qofatti bafatani maxannsu dhan warreen hafan dorsiisaf kaan immoo baruumsa irra ariiya jiru. Barattoota arihanis maliif miseensa OPDO hin taane jechuu hannga matii fiddaniitti hin baratani jedhan rakiisa jiru. Keesuma  baratoota kutaa12ffaa gutummaatti ariihaniiru baruumsi  gafa wiixata osoo hin baratamiin ole.

Wayyaaneen fi lukkeeleen siyasaa isaanii kan gabroonfataa manneetii barnootaa keessatti babaldhisuun, dnataan ummata qabachuun , barattoota doorsisuu fi mana barnootaa irraa arihuun waan lubbuu ishee dheereffatu itti fakkaata. Oromoon bakka jiruu dammaqee qixa hundaan wal sochoosee biyya isaa dhuunfachuu keessatti qooda fudhachuun akka isa baasu beekamaa dha.

********* *

Godina Shawaa Bahaa miseensonni Maadhee Nabii Tufaamanaa jalatti ijaaraman torbaan kana walgahii adeemsisaniin, ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru!

- Tumsa Dimokirasii fi Bilisummaa ni deeggarra!

- Fincila diddaa gabrummaa adeemsifamu irratti dirqama nutti kenname mara ni baana!

- Hanga Oromiyaan Bilisoomtutti qabeenyaa fi humna qabnuun qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromootiin hoogganamu irratti ni hirmaanna! 

- Janaraalonniif Konoreelonni Lammiin Oromoo tahan Waraan Wayyaanee keessaa of baasanii Adda Bilisummaa Oromootti makamuu ni dinqisiifanna!

- Ilmaan Oromoo waraana mooraa wayyaanee keessa jiran martinuu of qopheessuu fi wal ijaaruun qawwee isaanii gara Diina Uummata Oromootti galagafatan dhaamsa dabarfanna.

*********

G/W/Lixaa aanaa Aayiraa Gullisoo, Beegii, Boojii fi Gidaamii keessatti kan ijaaramee argamu maadheen Gumaa Lataa of jalatti maadhee haaraa lama ( ’ MAADHEE GUMAA LATAA ’16 FI 17) ijaaranii of jalatti dabaluun isaanii  ibsamee jira.

Kan biraa ammo wayyaaneen muddamaa waan jirytuuf ofuma ishee waldiigaa jiraachuun ishee amanamoonni waayyaanee tokko tokko ibsaa jiru. Haaluma kanaan yeroo ammaa garee amaarotaa fi sabboontotaa jedhamuun bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa ( Caffee Oromiyaa) keessatti kan argaman hojjettoti wayyaanee iddoo lamatti walqoodanii walmufannaa cimaan akka hojjetaa jiranii fi darbee darbees hanga harkaan walrukkutaa fi meeshaa walitti fudhachuu irra gahuu isaanii keessa beektoti ibsaniiru. Kanumaan walqabatee Shifarraa Jaarsoo, Minaasee G/medhin , Muktaar, Aster Maammoo ta’uun Juunaddiin Saaddoo, Alamayyoo Ejjiguu, Dagifee Bulaa faa irratti ka’uun  ammas walitti bu’iinsa gidduu isaanii jiru cimee itti fufee jira.

Kanaaf egaa hunduu Oromoo kan ta’e Oromummaa isaatiif dhimmee gaaffii abbaa biyyummaa isaa Ormaan mulqamuu akka hin qabne gaafataa jira. Nutis gaaffiin akka kanaa waan jajjabaachuu qabu waan ta’eef cimuu qaba jenna.

IJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!!

GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net