Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Wayyaaneen Ilmaan Oromoo Raayyaa Ittisaa Keessa Jiran Arihuuf Karoora Baldhaa Qabdu Hubatame.

Onkololessa 31, 2006 (Oromiyaa) - Raayyaa Ittisa Biyyaa Daangaa irra jiran keessaa lammiin kan oromoo ta'an baay'inni isaanii  10,000 kan ta'an yeroo ammaa wayyaaneen hojiirraa ari'achuuf irratti hojjechaa akka turtee fi yeroo ammaa karoora isaa xumurtee qophaa'aa kan jirtu keessaa kan irratti qophoofte keessaa dhaamamu:

Kutaa waraanaa 23ffaa keessatti kan argaman lammiiwwan oromoo 500 ta'aniin isin deeggartoota ABOti yeroo fakkaattoti keessan isin biraa deeeman ykn bahan maaliif biraa haftan, amma ammoo maal raawwachaa jirtu? jettee gaaffii gara biraatiinis qorannoon dararaa turtee ammas mooraa hidhaa isheetti dararaa jirti. 

********

Yuniversity Adamaa Keessatti Jeequmsi Dhalate.

Yunversitii Adaamaa keessatti guyyaa 29/10/2006 kaasee Jequmsa Basaastonni Wayyaanee maqaa barattootaatiin mooraa keessa jiran kaasaniin Barattonni gara 30 tahan madaahaniiru. Barattoota kana keessaa barattoonni 4 (Afur) tahan miidhaa cimaan  kan irra gahe yoo tahu, Afura isaanii yuu  jara jeequmsicha kaachisan keessaa tahuun bira gahameera. 

Ka`umsi jeequmsichaa, bulchiinsa yunversitichaa keessatti bakka bu`aa barattootaa filachiisuudhaaf yoommaa jedhan koree filachiiftuu  erga filatanii booda, barattoonni filataman barattoota Oromoo sababa tahaniif akkamiin kuni taha? jechuudhaan barattoonni Lammii Tigree tahan warra jaleewwan isaanii dabalatanii halkan sa`aa 2:30 irratti barattoota Lammii Oromoo tahan irratti jeequmsa guddaa waan kaasaniif. Halkanuma sana Poolisoonni dallaa sana marsanii bulani jiru.

Barattoonni miidhaan irra gahe, Hospitaala Adaamaa keessatti yaalamaa jiru. Maqaa barattootaa sababa kanaan miidhama barattoota Oromoo irraan geessise Loltuu Federaalaa jedhamaniin gara jabinaan/hammeenyaan tumamani jiru. Barattoota miidhaan irra gahee jiru keessaa :

1. Usmaan,
2. Mikaa`eel,
3. Malkaamuu,
4. Muluuqan,
5. Ayyaanaa Dagafaa
6. Iddoosaa Geetaachoo

Jeequmsa keessa kan miidhaman

1. Geetaachoo Tarfaasaa,
2. Mulugeetaa Laggasaa,
3. Daadhii Amsaaluu,
4. Daagim Disaasaa
5. Taammiraat Bushee,
6. Gammachuu Magarsaa  kan jedhamani dha.

Jeequmsichi guyyaa kaleessaa qabbanaahee kan oole yoo fakkaatellee, basaastonni ilmaan Tigree barataa fakkaatanii mooraa mana barumsichaa keessa jiran, jequmsichi akka qabbanaahu wan hin barbaaneef, galgala kalee jechuun, gafaa 30\10\06 barattoonni Oromoo nutumu sababa jedhu uumanii, mooraa mana barumsichaa gadi lakkisanii jiru jechuudhaan keessa beektonni nuuf ibsaniiru.

*******

Lukkeeleen Wayyaanee Ilmaan Oromoo Oromummaa Isaanii Qofaan Isin ABO Jechuun Hidhaa Jiru!

Godina Iluu A/booraa Ona Dhidheessaa Ganda Calloo keessatti namoonni heddu hidhamaaa jiru. Akka kanaan gaafa guyyaa 18/2/99 ALHtti namoota heddu maqaa miseensa ABO jedhuun ganda Calloo keessaa :

1. Sulxaan Jamaalaa hojjetaa waajjira Qonnaa,
2. Zeenuu Ahimad hojjetaa waajjira Qonnaa
3. Naasir Huseen barsiisaa, 4. Jamaal Aashim barsiisaa, 5.Muhiddiin Aashim qotee bulaa.

Namoonni kun Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkamanii yaroo ammaa kana waajjira Poolisa Ona Dhidheessaatti hidhamanii rakkifamaa jiru. Namoonni ganda kanarraa hidhamaa jiran kana qofaamiti; keessaa kan maqaan nugaheedha. Namoota kana hidhuurratti yaroo ammaa kana kan bobba’anii nama mana hidhaatti kan guuraa jiran:-
1. Ittafaa Obsaa, 2. Girmaa, 3. Darajjee Waaqjiraa


Jedhamantu godina irraa bobba’anii gara Ona kanaatti ergamuun ummata hidhaa jirani. Namoota kana jechuun Dabbolloota godina Iluu ykn Mattuu irraa ergamanii dha.

**********

Ibsa Maadhee Eeggataa Bilisummaa  Tulluu Baallammii  Lak.1 Jalatti kan gurmaa'an

Yommuu ta'an haala yeroo fi siyaasa Oromoo irratti marii bal'aa erga taasisaniin booda ibsa eejjennoo qabxii shan qabu akka armaan gadiitti baafataniiru.

 1. OPDO'n Oromoo bakka buute osoo hin taane wayyaanotaaf ergamtoota waaan ta'aniif cimsinee ni balaaleffanna.

2. Tarkaanfiin sabboontoti Oromoo iddoo adda addaa irraa fudhataa jiran waan nurraa eeggamu hundaan ni deeggarra. Warroonni hafanis tarkaanfii boonsaa akkasii akka fudhatan ni gaafanna.

3. TBD dhaabni keenya ABO'n dhaaboota mormitoota biroo wajjin taasise qabeenyaan, humnaan, akkasumas beekumsa qabnuun cinaa dhaabachuuf waadaa ni galla.

4. Dararaa fi ukkaamsaan lukkeewwan wayyaanee OPDOn sabboontota Oromoo irraaan gahaa jirtu hatattamaan akka dhaabattu ni gaafanna.

5. Hanga Oromoo fi Oromiyaan bilisoomtutti ABO cinaa hiriiruun aarsaa barbaachisu ni gumaachina.

********

Ibsa Ejjennoo Maadhelee :

1. Maadhee “Imaanaa Oromoo”
2. Maadhee “Bakkalcha Cooraa”
3. Maadhee “Bokkuu Cooraa Lakk.1”
4. Maadhee “Bokkuu Lakk.2” 

Godina Iluu A/Booraa Keessaatti ijaaraman ibsa ejjennoo kan armaan gadii baafatanii jiru. 

1. Dhaadannoo Mallas Zeenaawwii ummata Oromoorratti dhaaddate ni mormina.
2. Waan Oromummaa keenyarraa eegamu hojjechuuf dhaadannoon kun booda nun deebisu.
3. Tarkaanfii General Kamaal Galchuu fi Jaallan isaa fudhatanitti guddoo gammanna.
4. Waaraanni kaan hafanis tarkaanfii fakkaataa akkanaa akka fudhatanu waamicha goona.
5. Tarkaanfii poolisoonni Abtaamuu Shifarraa Tiraafikii fi Ajajaan 100 Darajjee Mulugeetaa Ona Cooraa barataa Huseen Mahammad irratti fudhachuun qaama
hirrisan cimsinee balaaleffanna.
6. TBD ABOn durfamuun gadhaabbate ni deeggarra.
7. TBD kana galmaan gahuufis ciminaan dhaaba keenya waliin ta’uun ni hojjenna.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net