Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Onkololessa 20, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaanonnii fi lukkeen Ilmaan Oromoo Hiraarsuu fi Hiduun Hojii Godhatan!

Namootni 35 ta’an Fulbaana irraa jalqabee Komshiina Poolisii Finfinnee Qajeelcha Qoranno jedhamutti hidhamanii gochaaleen sukkannessani kan akka qaama saalaa isaanirratti waan garagaraa hidhuudhaan darararuu fa’a irra ga’aa jira. Gochaalee kana kan qindeessu itti gaafatamaa qajeelchichaa kan ta’e Komaandar Girmaa Kaasaa nama jedhamuu dha.

Isa jalattis namootni kan akka
-Shibbiruu Kabbadaa         
- Inspeektar Alamaayyoo Ayaalqee
-Hayluu Lammeechaa        
- Fiqramaariyaam Yesuuf fa’an gochaalee kanneen warra hojiirra hoolchaniidha.

Namootni hidhaman maqaan isaan akka armaan gadiitti tarreffameera
1.Magarsaa Tafarraa Dheeressaa (Alam Ganaa irraa), 2. Kumsaa Giree, 3.Duulaa Mootii, 4. Salamoon Baqqalaa, 5.Alamayyoo Rafeeraa(Magaalaa Dilallaarraa), 6. Nigusee Gaaromsaa Daraaraa, 7.Makonnin Amaluu Geetinnat(Kolfee-Qaraaniyoo Ganda 05 irraa), 8.Gizawu Gabbisaa Nooruu(Dawoo Bulee Ganda 01 irraa), 9. Taaddasaa Fufa Irrensoo, 10. Hirphaa Dagguu Jaalllataa(Waliso Ganda  02 irraa), 11.Mulaatuu G/Mikaa’el Soorii(Waliso Ganda 01 irraa), 12.Abbabaa Girmaa Bantiiraabaa, 13. Abdiisaa Ifaa   14.Zawuduu Satteecha, 15.Abdii Warquu W/ Aragaaw, 16.Maammoo Baqqalaa, 17.Injinar Bulloo Bultoo(Amborraa),   

18. Damis Galataa Labataa, 19.Injinar Baayyisaa Tolaa, 20.Girmaa Taaddasaa,                      
21. Kumalaa Abdiisaa Abdataa, 22.Tasfaayee Jootee, 23.Tasfayee Nigusee, 24. Naata’aa Abdii Waldee, 25.Shawaa Nagaashi, 26.Badruu Kadir,  27. Shimallis Tasfayee Irkoo, 28.Naasir Jamaal, 29.Aaddisuu Warquu,  30. Darajjee Fufaa Guutamaa, 31.Malakuu Taayyee,
32.Dhugumaa Sabbataa Ababaw,  33. Abarraa Nadhii Awwal, 34. Abdiisaa Hirphaa Jabeesaa,  

35. Tasfayee Balawu Warqiyyee

Kanaafuu ilmaan Oromoo gidiraa mana hiraarii wayyaanee keessatti argan akka qaama dhimmi isaa ilaalu hundaatti itti bobbahee rakkoo ilmaan Oromoon keessa jiranii kana furmaata itti godhau sabboontonni Oromoo iyyatu.

************

Wayyaanonni Guyyaa Saafaa Akka Borofaa Oromootti Dhukaasa Jiru .


Godina Iluu A/Booraa Ona Hurrumuu naannoo magaalaa Hurrumuutti gaafa 4/2/99 Alh nama Sisay Laggasee jedhamu rasaasaan rukutamee boo’ii keessatti gatameera. Kan rukutames halkan irraayyi; namni nama kana rukute dabballee wayyaanee kan ta’e Mitikkuu Daggafuu nama jedhamuudha. Sababni rukutamuu nama kaanas hojii hidhataa gandaa keessaa diddee baate jechuuni.

Namni kun yaroo ammaa kana Hospitaala Mattuutti du’aaf jireenya gidduu jira jedhama.  Gara biraanis godinuma kana Ona Halluu Buree keessatti dabballeen wayyaanee tokko ilamaan Oromoo naannoo gidirsaa jiru saaxilame. Akkakanaan namni kun Barsiisaa Raggaasaa Simaa jedhama. Kana dura namni kun miseensa ABO ture. Yaroo ammaa kana ammoo miseensa OPDO ta’uun ilmaan Oromoo Ona kanaa saaxilee OPDOf kennuun hiisisaa rukuchiisaa jira.

Namni kun dirqama wayyaneen itti kennitee fi jedhi jettee fuudhee afarsuun Qabsoo ilmaan Oromoo baddaa fi gammoojjii keesaa wareegama qaqaalii itti baasan itti qoosuun isaa hubatamee jira. Namni kun gochaa isaa abaaramaa kanarraa of hin qusatu yoo ta’e tarkaanfiin cimaan kan irratti fudhatamu ta’uusaa sab-boontonni naannoo ciminaan hubachiisaniiru.

*********

Odeessaa Godina Kibba Bahaa

Godina Arsii Ona  magaalaa Shaashamannee keessatti Qotee Bulaa lafa isaa irraa Buqqisuun Jabaatee  fufe itti yemmuu ta`u Haalli kuni kan akka malee isaan Aarsee Jiraattonni magaalaa Shaashamannee Humna Feediraalaa Naannoo irratti Bobbaasuun Tumaafi Hidhaan Dararaa jiru Haaluma Kanaan kan ka`e Ergamaa Wayyaanee kan ta`e Bulchaa magaalaa Shaashamannee Yeroo Manniin Ummataa Diigamutti bira Dhaabbatuun kan Ummata Tumsiisaa jiru yemmuu ta`u onkoloolessa 15,2006tt Ganda Bulchaana jedhamu keessatti Shamaree manni isaanii irraa Diigame Takkaan Tumamee jira Shamarreen tuni yeroo inni Mana ummataa bira Dhaabbatee Digsisu kanatti  bakka inni Dhaabbatutti Qabdee Kaballaan Qabdee Jigsuudhaan  bakka inni jigettis Tumaa Cimaa erga irraan geessitee  jirti.

Sabboontittiin Intala Oromoo Tuni Yeroo isa Tumtutti Wardiyoonni isaa Harkaa
Baasuuf Hedduu isa irratti Tumaa hangana hin jenne irratti Raawwatanis yeroo dheeraadhaaf osoo irraa hin baasin tumtee jirti. kana boodas Obboleessi ishiis
irratti dabalamuun Lafatti Dhidhiituun erga Tumamee Booda Poolisii Feediraalaan irraa Baasuun ijoollee gara Mana Hidhaa Geessan. kana booda ummanni battalumatti akka hiikaniif Gaafatanii yoo Hin hikne ta`e rakkoo Dhalatuuf itti gaafatamaan matuma isaa damisee shittoo ta,uu Hubachiisuun Ijoollee Lamaanuu mana Hidhaa keessaa Baasanii gara mana isaanii galchanii jiru.


Godina Arsii Ona Dodolaafi Ona Naansaboo keessatti Haalli Nageenya Ummata Sodaachisaa ta’ee jira Ona Naansaboo naannoo Baddeessa jedhamutti Qorannaa yeroo dheeraa Godhameen Albuudni adda addaa kan keessatti argame yemmuu ta’u yeroo ammaa Warqii Baddeessa keessatti argame Baasuuf yeroo Mootummaan sochii tokko tokko godhaa jirutti Ummatni Naannoo Ona Naasaboo waan afoo dhaabbateef  Ummata kana nurraa qaban jechuudhaan Ona Dodolaa fi Ona Naasaboo keesaa Namoota Garaaf bulan tokko tokko Ummatatti Qajeelchuun akka Ummata qabaniif godhaa jira. Namoonni kunniin Ona Dodolaa irraa
1. Burqaa Cquruu
2. Haajii abbaa foggee yemmuu ta’an 

Ona Nansaboo irraa ammo
1. Baqqalaa bariisoo
2. Qaabatoo Saaddinii jedhamu Namootni kunniin Namoota

Armaan duras Ummata keenya basaasaa Diinaaf laataa turan yemmuu ta’u  Gochaa farrummaa isaanii kana irraa Yeroo gabaabaa keessatti irraa hindeebi’an taanaan Miidhaa isaan irra gayuuf itti gaafatamaan matuma isaanii ta’uu akka beekan jechuun sabboontonni naannoo hubachiisanii jiru. 

Mootummaan wayyaanee warqii Naannoo Baddeessaa keessa jiru kana yeroo hedduu Qotuuf Carraaqqii godhus kan Naannollee Oromiyaa biraa irraa qotamaa jiruu Bu’aan inni Ummata Oromootiif buuse hinjiru waan Ilmaan Tigraayi Nurratti Boonse malee Jechuudhaan akka Mootummaan warqee kana hinqonneef yeroo hedduu afoo dhaabbatanii jiru. Hardhas afoo dhaabbatanii falmataa jiru. 

Gama biraan Walgayii dhiyeenya kana OPDOn magaalaa Dodolaa keessatti Godhaa turteen Gidduu isaaniitti Waldhabbiin Cimaan Dhalatuun dhagahame  Walgayii isaanii irratti Rakkoon Ummatni keenya nujibbuuf maali jechuudhaan Miseensonni isaanii tokko tokko kaasaniin Ummanni wanti nu jibbuuf ABO Ummata nu harkaa dhuunfatee jira.


Barattoota Nuharkaa Qabatee jira ammaan booda Carraan nuti qabnu tokkollee hin jiru Jechuudhaan Yemmuu dubbatan  akkuma gootan godhaa waggoota arfan kana akka bulchinu nu godhaa jechuudhaan bifa Kadhaatiin waltajjii gaggeessaa turuun isaanii dhagahame.  Dhumarrattis Sabboontota Naannoo keenya Jiraniifii Barattoota Nurakkisaa jiran hunda isaanii walitti qabnee haa hiinu jechuun yaanni dhiyaatus Osoo walii hingalin waldhabbiidhaan Gargar bahanii jiru.


Onuma kana Ganda Qotee Bulaa Gannataa jedhamu keessatti Bulchaan Gandaa Irboo Huseen jedhamu Qotee Bulaa lafa isaa irraa kaasaa  Dhuunfaa isaatiif warra Onaatiin walii galee gurgurataa jiraatuun dhagahame.

 *********

Rrakkooleee sabboontota oromorratti gahaa jiran.

  • Gadina Arsii anaa Gololchaa ganda haroo akkiyyaa keessatti poolisoonni qayyaanee lukkee diina tahaniin ajajamudhaan ogeessa fayyaa kan tahan Muhaammad Bashiir,Naaziriiti Abdoo kan jedhaman callee alaaba ABO mul'isu qabdan jechudhaan fulbaan gaafaa guyyaa 19-1-99 A.L.I duula irratti godhudhaan mana hidhatti dararaa jiran. guyyama kana vmagaala Anichaa caancoo keessa kan jiraatu Muraad Gandoo nama jedhamu qawwee qabda jechudhaan sababa godhachuudhan mana hidhaa keessatti darara jiran. duula kana kan bobbaasan Bulchaa Anaa Gololchaa kan tahe sh/Amaan Gadaa nama jedhamu yoo ta'u gandumma Haroo akkiyyaa kana keessatti namoota kudha tokko (11) meesha waraana qabda jechudhan maati hiyyeeyyii akka malee dararaa jiran.
  • Basaasa qayyaane kan tahe wardiya keellaa fayya ganda Haroo akkiyyaa kan tahe Aliyyoo Muuhaammad Riphee nama jedhamu namoota kanniin kan hiisise ta'un hubatame kara biraatiin sh/Huseen Gannafri namni jedhamu amanti fakkeessudhaan Ummataa walitti buusudhaan wayyaaneedhaaf basaasa jiraachun isaa beekame.
  • Kan bira ergamtu Basaasa lukkee wayyaane kan tahan wardiya waajjira Barnoota Abraahim xuuyya fi wardiyyaa w/misooma Qonnaa jundii Badhaaso kan tahan gabasa sobaa kaleessudhaan Sabboontataa oromoo baay'ee dararaa jiraachun isaani beekame kanaaf namaata lukkee wayyanee tahan kan Ummataa oromoo akka kara maleen hin dararre akeekkachiisni Cimaan akka sagalee raadiyo Bilisummaatin itti nuuf kennamu isin hubachiifna.

Dararraan sabboontotaa Ummata oromoorra gaha jiru cimee itti fufaa waan jiruuf yaada kana daddafitti qilleensarra nuuf akka Oolchitaniifi irra deddeebi"ame gurra dhageeffattoota akka nuuf seenufi akka hubatamu akka nuuf gootan isin hubachiifna.

                                 Injifannoon Ummata Orommootiif

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net