Onkololessa 2, 2006 (Oromiyaa) – Haala Irreechi Itti Oolee (Bishooftuu) - Onkololeessa 1 bara 2006 Ayyanni Irreechaa Hora Arsadiiti sirna ho'aadhaa kabajamee ooleera. Sirinna kanarratti uummanni Oromoo fi jaallattoonni Aadaa Oromoo iddoo adda addaarraa kan walitti dhufan tilmaamaan 700,000 hanga miliyoona tokkootti kan lakka'aman sirnicha miidhaksanii oolaniiru.
Sirni kun akkuma jirutti fedha Oromoon bilisummaaf qabu ganamaa hang galgalaatti calaqisiiseera. kalleessa galgala Wayyaneen Magaalaa Bushooftuu keessaa namoota hanga 30 kan ta'an qabdee hiitee jirti..Ayyaana Irreessaa baranaa irratti Wayyaaneen garamalee rifachuu irraa kan ka`e gaafa 29\09\2006 irraa kaasee Daandiiwan gara magaalaa Bishooftuu galchan hundaa irratti Poolisoota Federaalaatiin sakatta`uu eegaltee turte.
Guyyaa har`aa, Daandiiwan hundaa irratti Bishooftuu otoo hin seeniin, yoo xinnaate yaroo Lama (2) sakatta`muun ture. Namni Huccuu Aadaa Uffatee gara ayyaanaa dhaquun dhowwamee, uffata irraa baasanii, Fooxaa irraa fuudhanii, Koofiyyaa irraa kaasanii dabarsu. Namni "T-shirt" Faajjii qabu Uffateeru Tokko, akka baasu dirqameera. Dubartiin guutummaan guutuutti Uffata Aadaa uffatte Tokko akka ofirraa baaftu yoo gaafatamtu, nama baasi ittiin jedheen "surreekee naaf kennita moo maalan Uffadha?" gaaffii jedhu gaafattee, waan deebsan dhabanii gara duubaatti deebiteetti.
Uffanni Aadaa bakka sakatta`aa hundaatti guuramee hafus, bakki Ayyaanaa, Alaabaa ABOtiin miidhagee, Faaruufi sirboota qabsoo leellisaniin Ho`ee oolee jira. Sirboota Uummanni Sirbaa ture keessaa,
Korma Guduruu
ABOn keenyuma duruu!!
Bilisummaa...Bilisummaa..
Yaa ilmaan Oromoo Bilisummaa!!
Yaa Wayyaanee
Yaroon geesse nurraa gali!!
Oromoo itti fufi
Fincila Diddaa gabrummaa!!
-Wayyaanee S waraanuu
Wayyaanee S waraanuu!! (irra deebiin)
Finfinneen handhuura Oromoo
Maalif jejje Addis Ababaa? kan jedhan muraasa isaati.
Uummanni ayyaana Irreessaa baranaa irratti argame, kan yaroo kamiinuu caalaa baay`eedha. tilmaamaan Miiliyoona Tokkoo Oli dha. Ayyaana kana irratti Lukkeen Wayyaanee Ol-jettee nama ilaaluu illee hin dandeenye. Magaalli Bishooftuu guyyaa har`aa Dachee Bilisummaa taatee Olteetti.Eegumsaaf Waraanni bobba`e, dirree Waraanaafuu hangi kuni hin bahu. Uummanni Oromoo, durumaanu, ishiin eegdee otoo hin taane, lafa ayyaana kabajamaa akka kanaa irratti haahafuu, bakka kaanittuu, nagaa hin booressu. Wayyaaneen garuu, natu eege jettee itti fakkeessuufi sodaa of- keessaa qabduun Loltuu hanga kana bobbaafte jedhu namoonni ijaan argan. Waanti garabiroo, gaafa 30\09\2006 jala bultii ayyaana Irreessaaf namoota dursanii magaalaa Bishooftuu galan keessaa, namoota Konkolaataa Mini Baasii Tokko guutuu Waajira Poolisaa magaala Bishooftutti hiiteetti eeruun jedhu nijira. warra garam rraa dhufan akka tahe ammaaf bira hin geenye erga qulqulleeffannee booda isiniif ibsina. Kanaa alatti, Ayyaanichi nagaadhaan xumurameera.
Guyyaan harr`aa ilmaan Oromoo birrati guyyaa Irreechaa ta'u issaa namni dagatu hin jiru. Yaa ta'u malee arra duran kan yeroo darbani irra caalaa namni hedduminaan bahe jira. Bahu isaa qofaa miitii errgaa dabaru qabu sirba dargagootaan, walaloodha fi haasaa manguddoon godanniin haala barredadhan kabajame olerra. dargagoon T-shirt alaabaan ABO irra jiru, Mangudoonnii fi haawaliin ammo uffata adaa uffachudhan, kaan post card mimmiidhagu kun ammoo alaabaa ABO qabatuun barrechanii jiru. Walumaa galatti Erreechii barana kan lammiin sadarkaa irra jiru beeke itti gammadeefi alagaan itti mataa gaqabachisee dha.
******** Gochaan Hameenya wayyaanee Babaldhataa Jira
Godina Jimmaa Ona Maannaatti balaa Wayyaaneen qabsiifte baballatee jira. Akka kanaan halkan edaa( onk. 1, 2006)
1. Ona Guumaa magaalaa Toobbaa keessatti Beetekiristaaniin argamu gubamee jira.
2. Naannuma sanatti kan argamtu magaalaa Yaacii keessatti haalli walfakkaataan uumamee jira. Akka kanaan mana Poolisootaatti Dhakaa guuruu, Mana dabballootaa gubuu fi Poolisoota rukuutuun magaalaa Yaacii keessatti baballatee jira.
3. Gara Ona Gommaa magaalaa Limmuu Shaa’eettis ce’ee tarkaanfiin adda addaa akka fudhatamaa jiru maddeen jimmaa ni dubbatu. Gara biraan ammoo Ona Maannaa magaalaa Yabbuu keessatti gochaa kana ABO tu raawwate kan jedhu Fiilmii dharaatu yaroo ammaa kana qophaahaa jira. Kanaaf, dafee akka harkatti fashalu haa hojjetamu. Gochaan wayyaanonni dhimma kana qindeessaniif jalqaba gaaffii Oromoon qabu gara dabarsuun walitti bu`insi biyyitti keessa jiru kan amantii akka ta`e muldhisuun mootummoota islaama jibban irraa deeggarsa argachuuf, ABO ammoo maqaa balleessuuf ta`uu beektonni dubbatu. Ummanni naannoo kanaa gochaa kanatti heddu akka gaddaa jiru ibsataa jira. Balaa kana adda durummaan kan qindeessee akka raawwatamu godhe poolisoota magaalaa Yabbuuti. Isaanis:-
1. A/100 Tashaalee Araggaa
2. Immiruu Tarafika
3. Makonnon
4. Dubartii Mattaassabiyaa jedhamtu dha
Tashaalee Araggaa Ona Qarsaatti kan ummata gidirsaa turee amma ammoo Ona Maannaatti jijjiramee ummata fixaa jiruudha. Fiilmii dharaa kanas adda durummaan kan qindeessaa jiru Tashaalee kanaafii namoota isa waliin jiranu kanaadha; martuu isaanii poolisa.Ijoolleen Ona Maannaa irraa rasaasa Poolisoota Ona Maannaan rukutamanii ajjeefaman
1. Naajii
2. Naajii jarri jedhamu. lachanuu maqaan jaraa tokkicha walfakkaataadha; maqaa Abbaa jaraa yaroof argachuu hin dandeenye. Namoonni mada’aanii Hospitaala Jimmaa caasaa jirani namoota 10n. Baayyinni namoota Hiriira bahanii gara waajjira Poolisaa Ona Maannaa kanaa dhaqanii namoota 1000 ol ta’u jedhani.
*********