Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

 
Yuniversity Jimmaa Keessatti Ibiddii qabatuu fi Wayyaaneen Oromoo Hidhuu

Fulbaana 13, 2006 (Oromiyaa) - Godina jimmaa university jimmaa keessatti gaafa guyyaa 4/13/98 ALHtti guyyaarraa naannoo sa’aa 5.00 Doormii barattootaatti ammas ibiddi qabateera. Yaroon qaqqabamee dhaameera jedhu maddeen keenya achi. Kanarraa kan ka’e Faxnoo fi Makkalaakkayaa gidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumamee jira. Haaluma kanaan Faxnoon tokko Makkalaakkayaan akkamalee rukutameera. Egaa yaroo ammaa kana walakkaa jaraatti walloliisni guddaan dhalatee wal-eeggataa jirani; haalli kun hanga harraatti hin qabbanaahin jira.

Akkasumas magaalaa jimmaa hanga Aggaaroo, magaalaa jimmaa hanga Sarboo, magaalaa jimmaa hanga Saqqaa Coqorsaa fi Deedootti Paatirooliin ( Poolisoonni Konkolaataan ) olii gad-deemanii eegaa jirani.

Gara biraan barattoonni diinii barattoo yuniversity jimmaa jechuun Gizaw Abarraa waliin hidhamanii gara Finfinnee dhufanii jiran nuti nama kana waan beeknu hin qabnu; jimmarratti nureebanii beekna jedhaa jedhanii waan baayyee nu reebaniif beekna jenne malee nama kana hojii isaas ta’ee maalummaa isaa waan beeknu hin qabnu jechuun barattoonni duraan waan tokko tokko amanan asitti mormaniiru.

Gizaw Abarraa Facaasaa harraa kana gadhiifamuu hin oolu jedhama. Akkuma walii galaatti ijoolleensila isa ni beekna jedhan amma mormaniiru; hiniikama jedhamee abdii gaariitu jira. Dabalata ammoo gaafa guyyaa 4/13/98 ALHtti halkan irraa sa’aa 5.00nitti jiraataa magaalaa Finfinnee naannoo Ayyar Xeenaa jiraatu obbo Badiruu Kadir Huseen jedhamu Tigiroota nama 11 mana isaanii keessaa ukkaanfamamanii bakki isaan buufaman hin baramne. Maatiin isaanii mana hidhaa Maakalawwii fi kkfn deemanii barbaadan illee hanga yoonaatti bakka isaan jiran baruu hin dandeenye. Sababni isaan qabaman miseensa ABO ti jedhuun yaroo baayyee damee tikaan akeekkachiifni itti kennamaa waan tureef sababuma kanaan qabaman. Yaroo qabaman kanatti “Antee Ooneg nehi; gudiin taa’aalleehi” jedhamaa kaateenaan hidhanii otuu maatiin duukaa iyyuu fuudhanii deemani.

********

Wayyaaneen ilmaan Oromoo hidhuu itti fuftee jirti.

Godina Iluu A/Booraa Ona Cooraa keessatti dargaggoonni heddu hidhamaa jirani. Akka kanaan gaafa guyyaa 30/12/98 ALHtti ijoollee 10 Poolisoota Ona Cooraan qabamanii hidhaman keessaa :

1. Baahiruu Maammoo

2. Cunaa Sawunnat

3. Huseen Mahammad jedhaman keessatti argamu.

Ijoolleen kun Poolisoota Ona Cooraan miidhaan guddaan irra gaheera.

Keessumaa Huseen Mahammad garaa keessa dhiitamee baayyee waan miidhameef yaalamuuf gara Hospitaala Mattuu deemee Hospitaalli Mattuu yaaluu waan dadhabeef gara Hospitaala Jimmaatti riiferii jedhee gara sanatti dabarsee jira; mucaan kun yaroo ammaa kana Hospitaala jimmaatti yaalamaa jira; du’uu hin oolu jedhamee sodaatama.

Sababni hidhaa ijoollee kanaa Baabura midhaanii lukkee wayyaanee Miret Zawudee guban jedhamaniiti. Namni kun sabummaan isaa Amaara; yaroo dheeraa ijoollee Oromoo saaxilee wayyaaneef gabaasaa nama tureedha. Ijoolleen kunis kanarraa kaa’anii tarkaanfii irratti fudhatani jedhama. Walumaa galatti dargaggoonni kun baayyee reebicha poolisaan akka miidhaman himama. Yaroo ammaa kana waajjira Poolisa Ona Cooraatti hidhamanii jiru.

Haaluma walqabateen Onuma Cooraa magaalaa Cooraa keessatti mana barsiisaa Darajjee Lammaa jedhamu waraqaa mana murtiin alatti Poolisoonni mana nama kanaa sakitta’uun qabeenyaasaa saamanii jiru. Namni Darajjee Lammaa jedhamanu kun Oromoo ta’uusaanii qofaaf hojii isaanii barsiisanu irraa waggaa 14f aryatamanii jirani. Yaroo ammaa kana maatiinsaanii diigamee faca’anii jiran hanqannaan manni isaanii seeraan ala sakitta’amanii saamamanii jirani. Sababni kun ta’uu danda’eef situ nurratti ummata fincilsiisaa jira fi odeeffannoo asirraa ABOtii kennaa jira jechuuni.

********

Ejjennoo fi Eebbaa Manguddoota Godina Kibba bahaa irraa

Nuti Manguddoonni Kibba Bahaa keessatti argamnu Maandhee hawwii Bilisummaa jedhamtu jalatti Gurmoofnee akkuma Abbootii keenyaa kan armaan dura Qabsoo saba Isaaniitiif Kufanii kuffisaa turan nutis Manguddoonni Oromoo Godina Kibba bahaa keessatti argamnu  waan Qabsoon Oromoo nugaafattu hunda bahuuf Qophii ta’uu keenya Mirkaneessaa.  Gooticha Keenya B/J/Kamaal Galchuu dhiyeenya kana Mooraa Diinaa keessaa bahee gara Mooraa Qabsoo Ilmaan keenyaa kan Dhaaba Keenya ABOtiin Gaggeeffamaa jirutti makamuu isaatiif gammachuu  guddaatuu nutti dhagahamee jira.

Gootummaan Beekkumsi, Qabeenyii fi Humni   qabnu hundi Dantaa saba Ofiif malee yoo dantaa abbaa tokkoof hojjatan akka Mammaaksi Oromoo “Sareen Abbaa Nyaachiseef dutti’jedhu waliin walfakkaata. Beekkumsa Qabeenyaafi lubbuu Ofii Saba Ofiif Dabarsanii Laatanii Walabummaa fi Bilisummaa sabaaf Olchuu irra Gootummaan  Caalu hinjiru.

kanuma hubachuudhaan  Dhiheenya kana Ajajaa Waraana wayyaanee kan ture Ilmi keenyaa B/J/ Kamaal galchuu Gara Kutannoodhaan Gara Dhaaba saba isaa kan Qabsoo saba isaaf haqaan Dhaabbatetti ABOtti makamee jira.

Nuti manguddoonni Godina kibba bahaa kan yeroo hunda Mootummaa wayyaanee irratti Qabsaayaa jirru hundi keenya Seenaa Boonsaa gootichi Ilmi keenya hojjate ganatti Gammaduudhaan Eebba armaan gadii Kana itti Roobsinee jirra.

·        Gammannee gammadi!

·        Mirgaan gali!

·        Ariitu Dhaqqabi baqattu jalaa bahi!

·        Hamtuun Si hin’argin Toltuun Si hin Darbin!!

·        Injifannoon kee haa ta’u!!

·        Diina kee Haa Caccabsu  Umrii kee haa Dheeressu!!

Jechuudhaan Eebba keenyaan Gammachuu keenya ibsannee jirra.

Dhumarrattis Tarkaanfii Ilmi Keenya Gootichi Oromoo B/J/Kamaal galchuu fudhate kana Bu’uura godhatuun warroonni Waraana Mootummaa keessatti haftaniifii Mootummaa wayyaaneetiif Eddoo adda addaa taatanii Ummata keessani irratti Beektanis ta’ee osoo hinbeekin Shira Wayyaaneen ilmaan keenya irra geessaa jirtu kana gadi dhiiftanii yeroodhaan gara Qabsoo saba keessanii akka Dhuftan Waamicha abbummaa isiniif Goona.

Kan isiniin jennu nuti manguddoonni godina kibba bahaa Maandhee Hawwii Bilisummaa 430 jalatti Gurmoofneedha.  

*****

Ibsa Ijannoo Maandheewwan Maandhee Burqaa Qoree jalatti Gurmaayanii

Maandheewwan kuni Walgayii dhiyeenya kana walitti dhufuudhaan Godhatan irratti Haala yeroo ammaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo Irra Jirtu irratti bal’inaan erga mari’atanii booda Gumaacha maallaqaa fi Ibsa Ijjannoo qabxii shanii uf keessaa qabu baafatanii jiru.

  • Maandhee Tulluu Quubsaa
  • Maandhee Bushaa Dhanqeelakkofsa 1fi 2
  • Maadhee Aliyyii Jaataa

Maadhee J/Waaqoo Guutuu 4130

Maadhee Sabboontota Gaara Duuroo

Maadhee Bolee Hilleensaa

Maadhee Qaltuu diinaa

Maadhee Boolloo Kakkaa  Yemmuu ta’an

Nuti maandheewwan Maandhee Burqaa Qoree jalatti Gurmoofne  Haala yeroo ammaa Qabsoon keenya irra jirtu irratti erga bal’inaan mari’annee booda Hujii keenya kan fuula duraafis maal akka godhuu qabnu mari’annee dhumarrattis ibsa ijjannoo qabxii shan ufkeessaa qabu baafannee jirra.

1)      Duraan dursinee  Tarkaanfii Gootichi Oromoo B/J/Kamaal galchuufi K/Abbabaa Garasuu akkasumas Qondaalotaa fi Loltoonni Oromoo hedduu fudhatanii gara mooraa Qabsoo saba isaa nii dhufaniif Gammachuun keenya dachaa dachaadha.

2)      TBD ABO Dhaabota Biroo wajjiin ijaarrate nideeggarra Huumnaafi Qabeenya keenyaanis bira dhaabbanna.

3)      Ari’amuu fi Tumamuun Ilmaan Oromoo irra Wayyaaneedhaan gahu akka dhaabbatu cimsinee gaafanna.

4)      Kijibaafi Tooftaa Wayyaanee ammaan booda Ummanni Oromoo kan Irratti dammaqe ta’uu hubachiisuu barbaanna.

5)      Kufaatii mootummaa Wayyaanee as Kaleessuuf Qabsoo Ummanni Oromoo Hogganummaa ABOtiin Gaggeessaa jiru jalatti Hiriirree waan Oromummaan Nugaafattu Hunda bahuuf Qophiidha.

******

Ibsa Ejjennoo Maandheelee

Ibsa Ijjannoo Maandheewwaan Maandhee  Damee odaa Bilisummaa Jalatti Gurmaayan

  • Maandhee Falmataa Sabaa
  • Maandhee Lammii Bilisummaa
  • Maandhee Ibsaa Sabaa
  • Maandhee Abdii Boruu
  • Maandhee Abdataa Biyyaa

Akkuma beekkamu Qabsoon Ummata Oromoo ABOtiin Hogganamu yeroo ammaa Sadarkaa Olaanaa irra gayee jira. Kanaaf ragaa Qabatamaa godhachuu kan dandeenyu Haala yeroo ammaa Qabsoon teenya itti jirtuu fi Ijaaramuu -TBD ABOn Dhaabota Mormitootaa Wayyaanee wajjiin ijaarratee ittiin Socho’aa jiru kan yerooniifi ummannillee barbaadu waan ta’eef yeroo ammaa sabaaf Sablammiin kana Dura Tooftaa  Dharaa Wayyaaneentiin akka walshakku yaalamee ture. Ijaaramuun Tumsa kanaa ammo Tooftaa wayyaanee kana kan harkaa  Dhaamse waan ta’eef  Qabsoo Ummata Oromoo ammo kan ufdura Oofu waan ta’eef Cimsinee Deeggarra.

  • Tarkaanfii Gootichi Oromoo B/J/Kamaal Galchuu Qondaalonni biroofi looltoonni hedduu fudhatan Kuni kan Dinqisiifamuu fi Qabsoo ummata Oromoo keessatti Eddoo Ol’aanaa kan galmeesse waan ta’eef daandii Gootichi Oromoo Saaqan kanatti fayyadamuun Warroonni Waraana mootummaa wayyaanee keessa jirtan hundi Tarkaanfii fakkaataa akka fudhattan Dhaamsa keenna Dabarsinaaf
  • B/J/Kamaal galchuutiinis Baga Gammaddan  baga Milkooftan Jenna.
  • Tarkaanfii B/J/Kamaal Galchuu Fudhatan fi Qondaalotaa fi Loltoonni biro fudhatan kanaa  Sagaleen Bilisummaa Oromoo Shoora Guddaa kan taphataa turte waan ta’eef Sagalee Bilisummaa Oromootiif Galata Guddaa Galchuu feena Baga Gammaddanis jenna.

****

Ibsa ejjennoo maadhee dirribee jifaar

Maadheen diribee jifaar sabboontota gootota ilmaan Oromoo wayyaanee mormaaa ishee hudhaanii kufaa fi kuffisaa jiran akkasumas mana hidhaa garboomfataa kana keeessatti  dhiphachaa  gootota jiran hundaaf seenaan bara baraan  isin yaadata jechaa nagaa keenya kabajaa dhiheessaa, Jeneraal Kamaal Galchuu fi Ababaa Garasuu yeroo dhihoo  asi sabboontota qondaalaafi loltoota hedduu waliin ta’uun kallacha qabsoo Oromoo kan ta’e ABO ti dabalachuun isaanii hedduu nu gammmachiiisa, nuboonsees jira. Seenaa Ummata Oromoo  keessattis bakka ol aanaa kan qabu fi sadarkaan qabsoo Oromoo eessa akka gahe kan muldhisu dha. Loltoonni Oromoo motummaaa garboomfattuu wayaanee jala jiraniifi ilmaan Oromoo ofirraanfatanii jiraniif barumsa cimaa keneera. Kanaafuu gootonni qabsooo irra jirtan hundinuu isin cina hiriiirrreee jirraa jabaadha jenna.

Nutimmooo maalaqaanis ta’e hanga aarsaa lubbuu keenyaatti isin bukkee dhaabanee kan jirru ta’uu keenya isin beekisfina. Gumaacha akka dhuunfaa fi gamtaan gochuu eegalle jabeessinee kan itti fufnu ta´uu hubachiisna.

Jeneral Kamaaliif Koloneel Ababaa qondaalota hedduuf Loltu dhiboota waliin tatanii Kalacha qabsoo oromoo ABOtti makamtanii Oduu dharaa wayaanee saaxila baaaftanii Mataa diina keenyaa lafa ilaalchiftani Uummmata Oromoo  keessaf alaa jiru guddaa gammmachiiftan!

*******

Ibsa ijannoo Maandheewwan Maandhee Raayyaa Kajawaa jalatti Gurmaayan 19

Ummanni  Oromoo  erga mirga isaa dhabee Harka Habashootaa jala darbee kaasee Impaayera Itiyoopiyaa keessatti yeroo yeroon mootonni Abashaa  moofaan  kufee haaroofni yoo ijaaramu kan Hidhamuu, kan ajjeeffamuufi kan hojii irraa ari;amu lammii Oromoo qofa. Haata’u malee Ummanni Oromoo Sirnoota Mootummoota Dabran ta’ee  Mootummaa Wayyaanee wajjiin Qabsoon isaan godhan kan hammana jedhamuu miti.

Qabsoon Barattoonni Oromoo Meeshaa tokko malee harka qullaa falmaa turan hardha galata waaqayyoo kunoo hardha FDG Oromiyaa guutuu keessatti akka Qaanqee Ibiddaa Qabatuun Wayyaanonni Dhaamsuu dadhabanii jiru.

Keessattuu  Dhiyeenya kana Gootichi Oromoo B/J/Kamaal Galchuu  K/ Ababaa Garasuu fi Shambal Nageessoo waaqayyoo fi Qondaalota Waraanaa biroofi Gootota Loltoota biro wajjiin  ta’anii Mooraa Diinaa Huuqqisuun Gara Qabsoo saba isaaniitti dhufuun isaanii Seenaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOtiin hogganamu Keessatti bakka Guddaa qabu. Haaluma Kana Ilaalchisuun dhiyeenya kana Nuti Sabboontonni miseensota maandhee Raayyaa Fi kajawaa jalatti  Gurmoofne Maandheewwan 19 Gammachuu nutti dhagahame sababeeffachuun  Ibsa ijjannoo armaan gadii kana baafannee jirra.

1)      Tarkaanfii Gootichi Oromoo B/J/Kamaal Galchuu fudhateefi Gootowwan Oromoo Biroo fudhatan Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti kan bakka guddaa qabuu fi kan Qabsoo Keenya daran Shaffisiisu waan ta’eef Ummata Oromoo hunda gammachiisee jira.

2)      Tarkaanfiin Gootichi keenya B/J/ Kamaal Galchuu fudhate kuni kan seenaa J/Taaddasaa Birruu waliin kan walfakkaatu waan ta’eef Iddoo guddaa kenninaaf Gootota tarkaanfii kana fudhataniinis  baga Milkooftan jennaan.

3)      Lammiin Oromoo kan Waraana Wayyaanee keessatti tajaajilaa jirtan fakkeenya kana fudhatuun akka Mooraa Qabsoo saba keessanii yeroon dhuftan waamicha isiniif goona. Tarkaanfii kanas Ooltanii osoo hinbulle hojitti hiikuudhaan meeshaa keessan gara Wayyaaneetti garagalchaa.

4)      Warroonni Kaayyoo Saba Oromoo Dagattanii Dantaa yerootiif jecha.Diina Tajaajilaa Jirtan hundi Gara qabsoo Saba keessanii kan ABOtiin Hogganamutti makamuun Seenaa Keessan akka Haaroomsattan waamicha Sabummaa isiniif Goona.

5)      Ummanni Oromoo hundi bakka jiru maratti Mootummaa Gabroonfataa Wayyaanee irratti dammaqanii Qabsoo Bilisummaa akka Finiinsan Kakaasuuf Dura caalaa Kutannee kaanee jirra.

6)      Lolli Mootummaan Wayyaanee Biyya Somaaliyaa irratti labse Ummata Oromoo kan hin ilaallanne waan ta’eef Lammiin Oromoo kan waraana wayyaanee keessa jirtan ajaja wayyaanee dhiiftanii akka Waraana bilisummaa Oromootti makamtan Waamicha isniif goona.

7)      Mootummaa Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Adamsaa Gara waraanaa Ofuufii miidhaan Barattoota Oromoo Yuniversiitiidhan adda addaa keessatti irraan gayaa jiru irraa akka ufqusatu Cimsinee gaafanna.

8)      TBD Dhaabni keenya Dhaabota mormitootaa Biroo wajjiin Ijaarrate Cimsinee Deeggaraa Fiixa bahiinsa isaatiifis Cimsinee dalagaa jirra.

9)      Nuti Sabboontonni Raayyaa Kajawaa Jalatti Gurmoofne Dhaaba keenya ABO waan Qabnuun cimsinee hanga Gaaffiin Ummata Oromoo mirgi Hiree Murteeffannaa Oromoo fiixaan bahutti Qabsoo keenya kan itti fufnu ta’uu ammallee irra deebinee Mirkaneessina.

Maandhelee Raayyaa Kajawaa Jala jiran  irraa.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net