Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 11, 2006 (Oromiyaa) – Godina Iluu A/Booraa Ona Yaayyoo Hurrumuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Keessatti barattoonni fincila kaasanii irra jiru. Fincilichi guyyaa kaleessaatii qabee ittuma fufee jira; akkasumas fincilli ummataallee magaalaa hanga baadiyyaatti baballatee jira. Achuma godina Iluu keessatti Kollejjiin Barsiisota ( TTI ) magaalaa Mattuu guyyaa harraa Dabballota godinaa waliin walgayii cimaarra jiru. Walgayichis jeeqaamaa akka jiru madden naannoo sanarraa ni ibsu.

Gara biraan ammmoo namni maqaansaa Addisuu Mitikkuu ( Juukkoo ) jedhamu godina Iluu A/Booraa Ona Aallee Diiduu ganda Gabra-diimaa jedhamu keessa jiraatu ummata oromoo fi sa-boontoota naannoo basaasummaan baayyee rakkisaa jira Namni kun gochaa isaa kana irraa akka deebi’u xalayaan yaroo lama itti barreeffamu illee of sirreessuu hindandeenye jedhu; hojiin nama kanaa daldalaadha.

Godina Jimmaa Ona Qarsaa keessatti alaabaa A. B. O. hidhuu, barruu A B O farsu fi OPDO abaaru maxxansuun ammallee itti fufee jira; halkan edaa illee hidhmee buleera. Akka kanaan namoota baayyee hidhuuf barbaacha irra jiru.

**********

On Baatuu keessatti guyyaa hardhaa(11-04-2006) fincilli Diddaa gabrummaa barattoota mana baruumsa sad.2ffaa tiin jalqabamee jira. Wayyaaneen muddama rakkoo ishee mudate irraa abdii kutuun uummata nagaa bal'inaan ukkaamsuu fi hidhaan hiraarsuuf saganteeffattee ka'uun beekame.Haala kanaan Ona Baatuu keessa qofaatti namoota 100(dhibba tokko) hidhuuf jaleewwanishee bobbaasuun 03-09/04/2006 tti Sabboontota Oromoo armaan gadii hiitee jirti:

1. Obbo Isheetuu, 2. Sorsoo Iddeesoo, 3. Amaan Abdallaa, 4. Amaan Kadir, 5. Bariisoo Bayyanaa, 6. Mahaammad Amaan, 7. Mahaammad Koobaa, 8. Horaa ti. Uummata hiraarsuu kanas akka itti fufaa jirtu onoota kaanirraas odeessi walfakkaataan nu qaqqabaa jira.

******


Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!



 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net