Sadaasa 28, 2006 ( Toronto, Canada) – Hariiroo hawaasa Oromoo fii hawaasa Eretrea jidduu jiru cimsuudhan kurfiin seena qabeettii taate magaalaa Toronto keeysati Sadaasa 25, 2006 geggeeffamte. Kaayon kurfii tanaa hariiroo hawaasa lameen jidduu jirtu sadarkkaa ol aanati ol kaasuf yommuu tahu bu’aan diinaggee kan galgala kana argame ammoo garggaarsa QBO tif oola.
Galgala kana sabboontonni Oromoo naannoo magaalaa Toronto qubatanii fii naannoo magaalaa gudditii Kanadaa Otowwaa irraa dhufan hirmaatanii turan. Akkasuma hoogganoota Hawaasa Etetrea naannoo Toronto fii miseenssota isaanii waliin argamanii jiru.

Galgala kanarrati warra hirmaatan keeysa hamma tokko
Kurfii galgala kanaa laalchisee mangudoota, beektotaa fii hogganni jaarmaya ABO konyaa Toronto, akkasuma itti aanan Hawaasa Oromoo naannoo Toronto fii dura taa’an hawaasa Eretrea Toronto bal’inaan wal duraa duuban haasawa godhan. Haasawa godhanirrati hariiron ummata Oromoo fii ummata Eretrea jidduu jiru tan gadaa hedduu lakkaawate tahuu ibsanii yeroon amma tan haala Gaafa Afrikaa keeysati deemaa jiru kan yoom irraahuu caalaa waliin hojjachuu barbbaachiftu akka taate himanii turan. Dura taa’an hawaasa Eretrea gama isaanitiin haasawa godhaniin mooyxannoo gama hawaasa lachuutinuu jiru wal jijjiirun barbbaachisaa akka tahe ibsanii turan. Kana males QBO qabsoo haqaa tahu ibsanii gama isaanitiin hawaasni isaanii waan dandda’ame maraan akka ummata Oromoo bira dhaabbatan waadaa seenan.
Gama kaanin galgala kana Artisiin Oromoo beekkamaan Qamar Yuusuf baanddii isaa waliin ummata galgala kana kurfii tanarrati argamanii turan bashannansiisaa bule. Keeysafuu miseenssota baandii keeysaa dubarttooni lama kan uffata aadaa uffatanii sirba ragada aadaa agarsiisanii turan hirmaattota biratti hedduu dinqisiifamanii turan. Bifa hedduu gammachiisaa taheen kurfiin injifannoon xumurame.
|