Duuti sabboonaa Oromoo artisti Usmaayyoo Muusaa gadda ummata Oromoo walii galaa ta`ee darbe baatii darban kanatti. Artisti Usumaayyoon jiruu fi jireenya isaa keessatti dalagaa aartiin inni uummata isaaf kaa`ee darbe ammo artisti Usmaayyoo bara dhufaa darbu hunda akka yaadatamu isa taasisa.Wallisaa Oromoo beekamaa fi jaallatamaan Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaa isaa Muusaa fi haadha isaa Faaxumaa Abdullaahi irraa Baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayyaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon jiruu fi jireenyaan ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekama.
Artist Usmaayyoo Muussaa
1967 - 2006
Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kan ka`e jiruu fi jireenya isaa QBOf dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture.
Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta`e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!
Artisti UsumaayyoonBara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Sa’id, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoata biro waliinis wal bareen booda
fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.