Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dhaamsa Barattoota Oromoo Maqalee fi oduu Oromiyaa

Sadaasa 6, 2006 (Oromiyaa) - Duuti waggaa waggaa barataa oromoo yubarsiitii maqalee dambii nutti taate. Akkuma beekkamu bara 1993 ALHtti barataa Oromoo SIMEE TARRAFEE jedhamu kaloo ykn mooraa inni itti baratuu fuudhanii laga gubaa geessanii morma isaa muranii biraa deemmuun enyullee kan wallaallu miti.
KUN gaaf san ta'ijedhee simee irratti haa eegaluu malee waggaa waggaadhaan kan dhaabate miti.Hiraarsi kun kunoo har'a barataa kenya kan birraas dabalatteen jira .

Sanbata duraa guyyaa 25 /2 /99 ALH tti galgala keessa sa'aatii 1:30 irraatti ta'i jedhanii ifaa kaloo baaleessuudhaan barataa Oromoo kan maqaan isaa SHIBBIRUU DAMISEE jedhamu damee baranoota SEENAA waggaa 3ffaa kan ture humnaan morma isaa hudhuudhaan
bakka ijoolleen oromoo tokkoileehinjirree fi barataan biroos bira hin jiretti lubbuu isaa galaafatanii jiru
.
Yaa ilmaan oromoo erga booyicha keenya eegalle guyyaan hardhaaf kaleemitibaay'een turre kanaaf hamma dandeettaniin ilmaan oromoo biyya kessa fi biyya alaa LUBBUU teenna lubbuu hiriyyoota teenyaa kaneen simmee tarrafaafi shibbiruu damiseetti dabalamuuf waan deemaa
jirtuuf hatantamaan iyya keenya kana akka nuuf dhaageessanii rakkoo kana keessa nubaastani cimsinee isinitti iyyanna.yoo waan hatantamaan iyyannoo keenya kanaan lammiin keenya nuuf hin birmanne ta'e du'a keenyaaf  wamaa furmaanni hin jiru jechuudha
IUOF !!
TOKKUMMAA BARATOOTA OROMOO YUUNBARSIITII MAQALEE
********
Ijjooleen Tigree eedda galgala ilmaa Oromoo shibbiruu Damisee jedhamuu  Barataa Seenaa Waggaa 3ffaa fi Dhalootni isaa Gimbii ta'ee nuu jalaa galaafan,Akkinni itti ta'ees akkana:
Galgalaa sana ibsaa barreessuun yeroo ijoolleen keenya dormii gad ba'aan eeggachuun naannoo sa'a tookkootti akka aajjeesan dha .

Baratoota keenyaarratti Dokment barruumsa isaanii dhorkamuurraa hanga ammaimmoo kunoo ajjeechaatti nurra waan ga'aa jiruuf harra bor odoo hin jedhiin nuuf birmachuu qabduu.
*********
Sakattaa Oromiyaa Mararra babal'ate

Kaaba Shawaa Sulultaa qabee hagaa magalaa Gabraa Gurraachattii sakata'insaa cimaan akka jiru naa dhaaman .Magaalaa hunda keessaa illee konkolaatan akka socho'aa jiran jedhanii jiru.
Kana malees magaala Amboo waraanaa 260 fi Gincii ammoo 120 achii qubachu isaanii waraanota Oromoo achii keessaa jiran irraa hubachuun danda'ameera.

Waranotaa deeman keessa Dhalootan Tigree kan ta'an meeshaa hidhatanii yoo ta'an dhalootan Oromoo kan ta'an harka duwwaa ta'uu isaanii jarreenuma kanarraa hubatameera.
*********
Barsiisonni Oromoo bara 1998tti Yuuniversitii garaagara irraa eebbifaman dhimma malee qabamanii dararamaa akka jiran beekamaa dha.kanneen keessaas kaan isaaanii mana hidhaatti kan guuraman yoo ta'u,kaan isaanii ammoo erga hojii qabanii booda haalli kjun nu quunnamuu danda'a yaada jedhuun bakka garaagaraatti faffaca'aniiru hojii gidduutti kutuun.

Gadaa gadaa bilisummaa ti!
Injifannoo ummata oromoof!!  

ka’uun  ammas walitti bu’iinsa gidduu isaanii jiru cimee itti fufee jira.

Kanaaf egaa hunduu Oromoo kan ta’e Oromummaa isaatiif dhimmee gaaffii abbaa biyyummaa isaa Ormaan mulqamuu akka hin qabne gaafataa jira. Nutis gaaffiin akka kanaa waan jajjabaachuu qabu waan ta’eef cimuu qaba jenna.

IJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net