Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Diddaa Gabrummaa


Sadaasa 12, 2006 (Oromiyaa) - Godina Kibba Bahaatti Ayyaanni FDG sadaasaa 9 Haala O`aan Kabajame! Lukkeeleen fi Basaasaan Wayyanee Oromootti Duulanii Hisisaa Jiru!

Zoonii Baalee Magalaa Agaafaraa, Danbala, Gaasara, Ginniir, Gooroo, Roobe, Gooba
Dallo Mannaa fi Baadiyoota naannoo kanniinii hundatti Ayyaana Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9-2006 Ummanni keennaa haala hoowwaan kabajataa oolee jira, yeroo kana  Manguddoonni, Dargaggoonni fi Dubartoonni walitti dhufuudhaan Gabrummaan nu haageettu! Ilmaan oromoo kan badii tokko malee mana hidhaatti guuraman haa hiikaman! Kaayyanni 39 kan ofumaa tumtan haa kabajamu! Kkf dhageessisaa oolanii jiran Sochii ummanni keenna agarsiisaa jiru kana Rifachuu irraa kan ka'e muddamuudhaan wayyaanee yeroo ammaa magaalota akka Ginniir, Gooroo, Roobe, Agaafraa, Goobbaa, Dalloo fi badiyaa keessatti basaasota hedduu bobbaasuun ummata keenna 600 (dhibba jahaa) ol hiitee jirti hidhaan kuni bifa bal'aan kan itti fufaa jirti.

Karaa birootiin Tikni wayyaanee gaafatamaa kutaa Baalee Dajan kan jedhamu basaasota hedduu kutaa kana keessatti bobbaasee ummata kenna ittiin fixaa jira basaasota kana keessaa gariin isaanii gantuu duraani keessattuu kan yeroo ammaa Dalloo fi goobba keessaa akka waan ABO bobbaasee fakkeessanii Xalayaa Sumuda foorjidaan dhawaniifi bobbaasuun ummata keenna uunkaa guutaa jedhe irra keessa deeme basaasee hiisisaa jiru Obbo Muhaammad Xinnoo kan jedhamu waan taheef ummanni keenna basasa kana jabaatee akka of irraa eeguu sabbontonni Oromoo dhaammataniiru.

Itti aansuunis basaasichi yeroo ammaa Dajan irraa dirqama fudhatee bubba'u kuni gochaa kana irraa kan hin dhaabbanne yoo tahe balaa isaafi maatii isaa Dallo keessatti isa mudachuuf deemuuf kan itti gaafatamu isa tahuu Sabboontonni Oromoo cimsanii hubachiisaniiru!

******

Barattootni Yuunversity Kibbaa Mooraa Diillaa fi Awaasaa Keessati Sadaasa 9, 2006 Ayyaaneffatan, FDG Marsaa Lammaffaas Itti Fufe.  

Mooraa yniversity Awaassaa main campus keessati barattoonni Oromoo dormii isaani keessati dungoo qabsiifachuu dhaan Obbollewaan isaanii sadaasa 9, 2005 wareegaman yaadachaa oolaniiruu gabaasa isaa bal'inaan fuulduratti kan walii dhaamnu ta`a.

Mooraa Diillaa keessaatti ammoo baratootni Oromoo mooraa sanaa ganama saa'aatii 12 kaasanii hanga sa'a 1 erga mari'atanii booda ajjeechaa barataa Shibbiruu irrati gaggeefame sagalee isaanii dhageessisuun balaalefataa oolaniiru OPDOs balaaleffataniiru. OPDOn otoo ilmaan Oromoof dhaabbadhe jedhanii dubbatanii yeroo ilaman Oromoo bakka argetti ajjeefamanii fi hidhaman ta`anii ilaaluun nama miseensa OPDOf akka nam tokkeettis qaanii dha, OPDO akka dhaabaattis salphina dha.

Kuni erga raawatamee booda gaafa sadaasa11 galgala jechuun sanbata xiqqa galgala saa'aati 3 ti baratootni tigiree qindaahuun baratoota Oromoo reebaniiru. Sababa kanaan waliti bu'umsa ta'een namooti miidhaman ni jiru. Gaafa sanbata duraa (sadaasa 11, 2006) galgala sana polisiin federaalaa moraa senuun dhukaasa banee waliti bu'umsa kana qabaneessuu yaalee barattootni gama lachuu galgala sanaaf galma adda addaa keessa kan isaan bulanii hara'a ammoo jechuun dilbata doormiin isaanii akka sakata'amuuf ajaji darbee jennan ilmaan Tigiree ni didanii. Haa ta'u malee polisiin dirqiin dormii barataa tigiree ta'e tokko shakkee gaafa sakata'u meeshaa waraanaa lokaarii isaa keessati argamee wari kaan ammoo sakata'aamu didani jiru. Kana irraan kan ka'e ijooleen Oromoo meeshaan waraanaa ilmaan tigree dormii keessatti akkaataa itti galchanii fi meeshaan biraa kan barattoota Oromoo fi saboota cunqurfamoo ittiin waraanuun mooraa mana barnootaa keessa gale waan jiruuf akka daddaffiin dhimmi kun sakatta`amuu akeekkachiisaniitu. Yoo kun ta`uu baate sororkeessitooti ilmaan tigree meeshaa waraanaa isaan harka jiruun akka jeequmsa uumuu dandahan yaaddoo qaban ibsu. Ilmaan Oromoos sababa ilmaan Tigree meeshaa waraanaa hidhatanii barataniif shororkaahuun qabsoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu galamaan gahuuf qabsaahuu irraa akka of duuba hin deebine ibsanii, ittuu jabeessanii akka itti fufan dhaammatu.

 *******  

Tarkaanfii Mana Bulchiinsa Gudar Irratti Fudhatame!

Gaafa sanbata xiqqaa (sadaasa 9, 2006) galgala  manni bulchiinsa aanaa Gudar irratti humna hin beekkamneen boombii dhan fudhatameen manni bulchiinsa kanaa gubateera. Humni hin bekkamne kun akka tarkaanfii isaa itti fufu mallattooleen ibsee jira. Ibsa isaa keessatti akka tarkaafiin fudhatamu kun akka itti fufu dhaamu. Tarkaaniifn nama kana irratti fudhatameefis saababni isaa ilmaan Oromoo hiraarsuu keessaa waan harka qabuuf ta`uun hubatameera. Tarkaanfiin kun ammaaf mallattoof malee yoo gochaa isaa lukkummaa fi fokkisaa kana irraa hin deebine akka lubbuun isaatti tarkaanfatamu qaamni tarkaanfii kun addeessee jira. Akka namoonni lukkee ta`anii bakka bakkatti ilamaan Oromoo irratti duulaa jiran of qusatan ta`uu baannaan hireen isaan eeggatu du`a ta`u akka hubatan akeekkachiisu. Lukkeeleen garaa guuttachuuf lubbuu dhabuuf deemu!

 

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net