Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSA  EJJENNOO  CAYAA OROMOO  KAARTUM  SUDAAN

Sadaasa 11, 2006 -Ummati Oromoo duula koloneeffachuu gita bittuu Habashaatii  eegalee  bakkayyutti fincila diddaa gabrumaa  geggeessaa turuu isaa seenaan raga baha. Ilmaan Oromoo qaqqaaliin  lubbuu jijjiirraa hin qabne iti kafalanii QBO-ABOn hoogganamu  bu'uuressuu irraa hanga hoogganuutti  gahuunis ifaa dha. FDG  qajeelfamaa fi hooggana ABOn  Sadaasa 9,2005 labsames hawaasa Oromoo maraan simatamee  itti fufiinsaan yoona  gahuun isaa seenaa qabsoo bilisummaa  oromoo keessatti bakka ol-aanaa qaba.

Nuti  miseensoti  Cayaa Oromoo Kaartum, Sudaan  haalli keessa jiraannu nu dirqee  akka silaa barbaadnutti bakka  tokkotti  walitti dhufnee Waggaa  tokkoffaa FDG Ummata Oromoo  kabajatuu baannu illee   haala ittiin guyyaa kana yaadannee oollu aanjessinee  Oromoota FDG irratti wareegaman, kanneen mana hidhaa diinaa keessatti  gidirfamaa jiran fi bakka buuteen isaanii hin beekaminiif  yaadannoo daqiiqaa muraasaa goonee ibsa ejjennoo armatti aanu baafannee jirra.

1, Qajeelfama ABOn  masakamee injifannoolee miseensorta, deggertootaa fi hawwaasa Oromoo maraan  gadaa kana keessa agalmeessamaa jiran dinqisiifachaa fiixa bahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoo qooda nu irra eegamu bahuuf waadaa keenya ni haaromsina.

2, Qajaalfama haaraa fi yeroo irratti hundaawee Koree FDGn  dhihaataa tuee fi simannaa hawaasi keenya godheef dinqisiifataa  galfata Oromoota FDG irratti wareegamanii bakkaan gahuuf qooda nu irraa eegamu bahuuf qophii ta'uu keenya mirkaneessina.

3, QBO- ABON hoogganamuu fi gaaffiin  ummati keenya kaasaa turee fi kan haqaa ti Mirga uumamaa fi dimokiraasii deebifatuuf  falmaa godhamu waan ta'eef naga-jaallattooti, jaarmayooti namoomaa fi mootummooti addunyaa   akka nu cina dhaabbatan gaafanna.

4. Ajjeechaa, hidhaa, dararamaa , biyyaa arihatamuu fi walumaa gala gochaa duguugionsa sanyii  sirni wayyaanee Oromota irratti raaw'atu akka balaaleffatanii fi  dhiibbaa iorratti godhan gaafanna.

Goototi Oromoo QBOf wareegaman bara baraan yaadatamu!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!
Injifannoo ummata Oromoof!
Cayaa Oromoo  Kaartum Sudaan.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net