Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Adooleessa 15, 2006 (Oromiyaa) - Mana hidhaa Maakalaawwii keessatti nyaata lagachuun gaafa 06/07/2006 jalqabee hanga yoonaatti itti fufee jira. Sababni nyaata lagachuu kunis :

  1. Namtokko yaroo manni murtii gadhiise balbalaan baasanii harka lafa jalaan karaa boroon poolisiin makalaawwii kun oldeebisanii hidhuun dhaabbachuu qaba
  2. Qaamaa hirra´chuu hidhamtoota irratti gahu dhaabbachuu qaba, warri qaamaa hirdhatan beenyaan gahaa kaffalamuu qaba. Warri yakka ilamaan Oromoo irratti raawwatan seeratti haa haa dhiyaatan.
  3. Beellama tokko malee hidhamuun haa dhaabbatu, Oromoon yakka malee hidhamuun itti hin jiru. Oromoon rakkoo siyaasaan hidhaman martinuu haa gad lakkifaman!
  4. Manni murtii yaroo itti dhiyaatan mirgi inni hidhamaaf kennu guddaan galmee cufee mana hidhaatti nama deebisuu fi carraa yaalamuu dhaabuu dha.

Akka kanaan galmeen jara namoota 40 Ashannaafii Addunyaa jalatti himataman cufameera. Dabalatas galmeen jara namoota 16 Adam Garisoo jalatti himatamanis cufameera. Namoonni kun yaroo ammaa kana beellama tokko malee achi keessatti gidirfamaa jiru. Namoota kanarratti gidiraa kana hundaayyuu kan raawwataa jiruu fi raawwachiisaa jiranu

  1. Poolisii Taaddasaa jedhamu dura bu'aa mana hidhaa Maakalaawwii kanaa
  2. Moonii Maakaashaa Itti aanaa isaa
  3. Tazarraa itti gaafatama kutaa qorannoo yakkaati. Egaa namoota kanatu ilmaan Oromoo qofa keessaa taargeetta godhatanii gidirsaa jirani; Saba biraatti hin bu'ani.

 

Namoota manni murtii gadhiifnaan baatii torbaa ol hidhamanii jiran keessaa Riyaad Huseen fi Ashannaafii Gaarii keessatti argamu. Akkuma walii galaatti galmeen nama 56 ol cufamee jira. Baayyee kan nama gaddisiisu nam tokko yoo carraa mana yaalaa achii keessaa dhaqee.

yaalamuu argate kan inni gaafatamu rakkoo isaa otuu hin taane sabummaa isaa fi maal hojjettee dhuftee dha. Qorichi kennamuufis Paracentamol qofaa dha.

Achuma keessatti namoonni mana hidhaa dukkanaa keessatti hidhamanii gidirfamaa jiranii fi maatii isaaniitiin wal-hin argine:-

  1. Obbo Zariyuun Bakkalchaa dhiheenyuma kana waggaa 12 hidhamanii bahan
  2. Obbo Mangistuu Dastaa
  3. Ashannaafii Addunyaa faa dha.

Keessumaayyuu Ashannaafii Addunyaa erga gaafa mana hidhaa seenuutii baayyee rukutamaa jiru hanga yoonaatti mana dukkanaa keessatti gidirfamaa jira.

Wayyaaneen ilaman Oromoo manni murtii ishee gad dhiise illee haraka lafa jalaan deebistee hidhuun ishee Oromoo hedduu gadisiisee waan jiruuf sabboontonni Oromoo addunyaa irra jiran akka iyyataniif dhaammatu.

Hidhamtoota Hiikaman Keessaa Amma Tokko.

  1. Obbo Bojora Gemeda gobena, 2. Obbo Dulo Takaka Donbe, 3. Obbo Mirbo Korji Tufe
  1. Obbo Bado Melka Talila, 5. Obbo Joda Siyum Walde, 6. Obbo Tafa Regasa senbeto
  • Obbo Megire Negash Talila, 8. Obbo Nigusie Beturi Menja, 9. Obbo Lencho Dame Biksa, 10. Obbo Gudeta Kurfa Badada, 11. Obbo Mengesha Nebi Gedo, 12. Obbo Lema Lube telila, 13. Obbo Dita Qabanecha Bulbula, 14. Obbo Defaru Shewarega beyene, 15. Obbo Kasim hamda gemeda, 16. Obbo Midheksa Korme Talila, 17. Obbo Abo warja Dani , 18. Obbo Asebot Nini Bucho, 19. Obbo Getu Tadese Mertu, 20. Obbo Biru Mamo Gilo, 21. Obbo Biranu beyene teklu, 22. Obbo Demisu Daba Roba, 23. Obbo Negawo Birbirso Gurme, 24. Obbo Tulu Biru mamo, 25. Obbo Shegena Melka Bejitu, 26. Obbo Alemayo Abebe sert, 27. Obbo Ashu Waqayo Haji, 28. Obbo Tesfaye Demise Deresu, 29. Obbo Temesgen mesheshe gebul Abdu, 30. Obbo Jara Mohamed Elemo, 40. Obbo Abdu Mohamed Amin, 41. Obbo Abiy Demeshe Beyene, 42. Obbo Abdu umer Mohamed, 43. Obbo Abdela Mohamed Adam, 44. Obbo Jemal Amin Abdela, 45. Obbo Alganesh Dilgasa Depressa, 46. Obbo Girma Adunya Debele, 47. Obbo Abdela Mohamedusman, 48. Obbo Adam usman ibrahim, 49. Obbo Mohamed Irahiman Saman, 50. Obbo Mohamed Jeyilan Mohamed, 52. Obbo Abdurahiman Hasen, 53. Obbo Biratu Disasa Gelan, 54. Obbo Ibrahim Adem Chelo, 55. Obbo Abera mertm Chewaka, 56. O bbo Ziyad Ahimed Husen, 57. Obbo Husein Abdella kasim, 58. Obbo Musa Haji Mohamed, 59. Obbo Jibril hase wako, 60. Obbo Abdela Sheik Ahimed, 61. Obbo Hamza Uso Bekere, 63. Obbo Sufiyan Aliy Adem, 63. Obbo Teshome Dasta sarda, 64. Obbo Taye guteta guluma, 65. Obbo Yunis Sham dado, 66. Obbo Mohamed Aliye wako, 67. Obbo Towfik Umer Abdul Sh. 68. Obbo Ibrahim adem waday, 69. Obbo Ahimed Mohamed Adam, 70. Obbo Adam ale ware, 72. Obbo Mohamed Musa Ibrahim, 73. Obbo Debele Asfaw Walde Amanuel, 74. Obbo Abdi Ismael Ibro, 75. Obbo Fayera Tolera Funye, 76. Obbo Jemal Abas Usman, 77. Obbo Jemal Ibrahim Yusouf, 78. Obbo Abu Gobena Wako, 79. Obbo Basiye Ware Chachu, 80. Obbo Hasan Abdela Hibro, 81. Obbo Asefa Hika Dulecha, 82. Obbo Nesima Mohamed Senu, 83. Obbo Jarmo Chana Hotessa, 84. Obbo Uke Baja Gurero, 85. Obbo Hiko Bato Ire, 86. Obbo Dasta baro Ire, 87. Obbo Dejene Gonfa Nikus, 88. Obbo Abdurazak Benti Ali, 89. Obbo Yeseni, 90. Obbo Ahimed kelifa husen, 91. Obbo Gudeta Birso Godo, 92. Obbo Benti Midheksa Imano, 93. Obbo Amano Warso Wako, 94. Obbo Tadese Ali Goda, 95. ObboKemal Gobe awano, 96. 0 bbo Gabi Shala Hubata, 97. Obbo Yohanis feleke Jima, 98. Obbo Gana Ali Gojam, 99. Obbo Bulbula Seife Dodi , 100. Zalaqaa Kababew Caalaa umriin, 101. Mireessaa Namee Dhaabaa umrii, 102. Geetacho Amantee Bokoree umrii, 103. Tsagayee Getachoo Gamoo umrii, 104. Kumaala Jambaree, 105. Tasammaa barii, 106. Dr. Jambaruu Lamuu, 107. Matiwos Tarfa Dhabasa umrii (kan yeroo gabaabaaf hidhamee gad dhiifame) 108. Biraanu Gammachuu Fayisaa, 109. Ababa Itana Cawaqaa (kan miliqee biyya ollaatti bahe), 110. Abraham Barkeessa, 111. Mika`el Abarra Moosisa

Wayyaaneen hidhamtoota Oromoo hikuun ishee abdii kutannaa fi gaaffiin Oromoo itti jabaatee fi waan Oromoon akka salphaatti ishee dhiisuu hin dandeenye hubachuu irraati. Oromoon gaaffii isaa itti fufuun deebbiin isaa haga guutummaatti deebihutti ni hojjeta. Gootonni barattoonni Oromoo, hojjettoonni Oromoo, qonnaan bulaa Oromoo wareegama baasaniin kabajaa saba keenyaa fi hidhamtoota siyaasaa Oromoo baroota dheeraaf gidirfamaa turaniif ta´aniiru. Kabajaa ol aanaas nutti horanii jiru. FDG Sadaasaa 9, 2005 qabsoo Oromoo sadarkaa ol aanaatti tarkaanfachisuu keessatti qoodi abate guddaa dha. Gootonni Ilmaan Oromoo kun osoo hin hidhamiin hawaasa keessatti, hidhamanii mana hidhaa keessatti kabajaa sabaa fi mirga keenyaaf godhan guddaa dha. Mirgaf jecha bakka jiranitti falmaa hadhaawaas gochaa turan. Jabaan bakka jirutti jabaa dha jedhan.

Sababa kanaan gootowwan ilmaan Oromoo mana hidhaa qaallitti keessatti lubbuun isaanii gochaa sukkaneessaa wayyaaneen darbe yaadachuunis barbachisaa dha. Jaallan akka Morkataa Iddoosaa, fi Mohamed Tiyib Abdul Melik hardha gaaffii mirgaa gaafachaa turan osoo hin deebihinif wareega mana hidhaa keessatti baasanii jiru. Waan itti amananiif amanamaa ta´anii darban. Jaallan wareegaman kana seenaan isaan haa yaadattu! Jaallan lubbuun jirrus kaayyoo isaan irratti wareegaman nama bakkaan geenyu nuu haa godhu.

Gootowwan barattoota yuniversity finfinnee Gaaddisaa Hirphasaa fi Alamayyoo Garbaas mana hidhaa keessatti lubbuu isaanii, ogummaa isaanii Oromoof bu´aa guddaa buusu waliin yeroo dargagummaa isaaniin dhabanii jiru. Oromoon gootota qaqaalii hedduu bilisummaa Oromoo goonfachisuuf dhabde keessatti terree isaaniin galmaahu.

Ammas hidhamtoota Oromoo kumaatamaan lakkaahaman, sadarkaa adda addaatti mana hidhaa keessa jiru. Gaaffiin Oromoo hidhamtooti siyaasaa haa hiikaman jedhu deebbii argachuu eegaleera. Oromoon Gaaffii isaa yeroo itti jabeessee itti fufu ni dhufa. Ammaaf jabaatanii wal ijaaruun itti fufuu qaba jenna. Fallii fi furmaanni jabaachuu fi wal jabeessuu qofaa ta´uu hubatamuu qaba.

**********

Afaan Oromoo Qabsoo Wareegama Gootota Oromoon Sadarkaa Digriitti Kennamen Barattooti Jimmaa Eebbifaman!

Akkuma beekamu, Afaan Oromoo dubbachuu kan nama hiisisu, nama reebsisu fi nama ajjeestsu ta'ee yeroo gita bittoota habashoonni akka labsiitti fi seera mootummaa isaanii keessa galchuun akka hin dubbatamne, namni dubbatus akka hanga du'aatti itii murtaa'u gochaa turuun isaanii beekamaa dha. Haa ta'u malee gootonni Oromoo afaan isaanii akkaa addaa baayatti dubbatamuu fi afaan guddaa fi bal'aa tu'uunsaa akka mirkanaayuuf lubbuu isaanii dabarsanii laachaa akka turanii seenaan ni yaadata. Ammas qabsoon jiru afaan ofii guddisanii afaan biyyitti taasisuun sadarkaa ol aanaatti tarkaanfachisuu dha.

Kuno ega 'Dhugaan ni qal'atti malee hin cittu' akkuma jedhamu kuno afaan Oromoo afaan saayinsawwaa, afaan tekinoolojii fi afaan hojii ta'aa jira. kuns qabsoo ABOnii godheen, gootonni ilmaan Oromoo lubbuu isaanii meeqa itti dhabanii, diiga isaanii dhangalaasanii fi qabsoon Uummanni Oromoo godhee fi gochaa jirun akka ta´e hubatamaa dha.

niversiitii Jimmaa keessatti Barattoonni digrii jalqabaa yeroo jalqabaaf Afaan Oromootii bara 2006 kana eebifaman kaleessa, 13 /07 / 2006 Galma Hoteela Haramaayikitti kabajatan.

Ijjoo dubbii

  1. Beektoonnii fi Barsiistommi Afaanii Ibsa Afaan oromo, eessaa ka'e, Essa jira Gara kamitti deemaa akka jiru hirmaatotaaf ibsan
  2. Diraamaa waa'ee afaan Oromoo maal keessa akka ture, maal jedhamaa akka turee fi haala amma kessa jiruu fi gara fuuladuratti maal ta'uu akka qabu kan ibsu barattoota Gumii afaan Oromoon dhiyaate. keessa isaattis ABO kan faarfatuu fi Bu'aa qabsoo isaa akka te'e ilee kan ibsu ture.
  3. Eebbifamtoota Afaan Kanaa, Barsiistota Oromoo Yuuniversiiticha Keessaa fi Saabboontonni Oromoo bakka satti argaman Teessuma Irraa olka'uun:
    1. Saabboontota fi qabsaayota Oromoo Qabsoo keessatti Lubbuun isaanii dabarteef yaadannoo godhan.
    2. Harka wal qabachuum kaayyoo Ummata Oromoo fi Qabsoo Uummata Oromoo ABO'n hooganamu Bakkaan ga'uuf Waadaa galan.
  4. Walaloon addaa addaa Waa'ee qabsoo Uummata keenyaa faarfatu baratootaa fi barsiisotaan dhiyaatee jira.
  5. Eebbifamtoonii Afaan Kanaalee Bakka deemanitti yaboo Uummata Keenyaa kanaa akka gootummaa fi jabinaan ba'an waadaa galanii jiruu.

Akka Walii galaatti Guyyaan kaleessaa Adoolessa 13, 2006 Seenaa Uummata Oromoo keessaati ishee jalqabaa taatee oolteetti, sababiin isaan Afaan Oromoo Yeroo jalqabaa Sadarkaa digiriin waan eebbiseef!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaa Gadaa Bilisimmaati! 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net