Walgahii Marii fi Gumaata Qabsoo Bilisummaa Oromoo.
(Waxabajjii 25,2009) Walgahii Maree fi Gumaachaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamuu konyaa sadaan ( Konyaa Oromiyaa, Minnesotaa fi WBO) Minnesota keessatti argamaaniin Waxabajjii 20, 2009 qopha`ee milkii fi injifatnoon xumuramee jira. Gabaasa Guutu
Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti barattootni Oromoo wal gahii lukkeelee wayyaanee dhiitanii bahan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 24,2009) Odeessi nu gahe akka mirkaneessutti, Godina I/A/B magalaa Mattuu keessatti barattoonni Oromoo wal gahii ergamtoonni qophiissan irratti mormii kaasuun waltajjii lukkeelee dhiitanii bahan. Gabaasa Guutu
Godina Harargee Lixaatti beellii fi abaar ummata gaaga’aa jiraachuun gabaafame. Magaalaa Ambottis hidhamtooti Oromoo hanqina nyaataan hubaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 20,2009) MOA akka ifa godhanitti Godina Harargee Lixaatti Onoota adda addaa keessatti beellii fi abaar ummata heddumminaan gaaga’aa jiraachuu hubachiisan. Gabaasa Guutu
Wallagga magaalaa Najjootti OPDO tahuun salphinaa fi qaanii tahuu isaa hojjettoonni ibsan. Kanneen hin taanes hojii fi sadarkaa hojii dhorkaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 19,2009) Dhiha Oromiyaa magaalaa Najjootti hojjattoonni mootummaa misseesa OPDO taasimamuuf dirqaman diddaa guddaa mul’isan. Inni ammaan dura miseensa OPDO tahee jirus saba Oromoo keessatti haraamuu tahuu isaa ibsan. Gabaasa Guutu
Qotatee bulaan Oromoo qe’ee isaa irraa buqa’uun,dureessi alagaa maqaa invetmant jedhuun lafa Oromoo mootummaa Wayyaanee irraa bituun itti fufee jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 16,2009) Wayyaanotni qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irraa kaasuun investerootatti gurgurachuu itti fufan. Rakkoon qonnaan bultoota irra ga’us hammaataa jiraachuu MOA gabaasa. Gabaasa Guutu
Fincila Diddaa Gabrummaa barattoonni Oromoo Yuunversitii Hawaasaa jalqaban barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa deggeruu isaanii beeysisan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 15,2009) Barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa kana ka beeysisan gidduu kana walitti dhufuun haala QBO irratti marii godhatanii ibsa ejjennoo baasan keessatti. Gabaasa Guutu
Jaaleen Wayyaanee Tigraay lama biiya Sa’udii Arabiyaa malgaalaa Riyaaditti hawaasa Oromoon salhatanii ariyahaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 13,2009) Ergamtoonni Wayyaaneee I/A Minaasee W/Giyoorgiis kan ta’e Abdulaziiz Mohammadii fi I/Gaafatamaan Ijaarsa OPDO Alamaayyoo Jigii je’aman hawaasa Oromoo Su’uudi Arabiyaa magalaa Riyaadin salphifaman. Gabaasa Guutu
“TOKKUMMAA OROMOO TIKSI” qophiin jedhu barattoota Oromoo Uni Hawaasaan qophaaye. Universitiy Laqameetti ammoo baratootii Oromoo diddaa dhaan OPDO qaanessan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 11,2009) Sirna gabroomsaa Wayyaanee fincilaan muddaa ka jiran gootowwan barattoota Oromoo Yuunversitii Hawaasaa Waxabajjii 6/2009 qophii tokkummaa Oromoo tiysi je’u qopheeffatuun harka walqabatanii dhiiga buusan. Gabaasa Guutu
Hayyu Dureen ABO Jaal Dawud Ibsaa Hawaasa Oromoo fi Miseensota ABO Auroppaa waliin marii bal’aa gaggeesan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 10,2009) Madda Oduu Seeminaara koreen hojii geggesitu ABO godina Awuropaa biyya Belgium magaalaa Antwerpentti Caamsaa 23,bara 2009 qopheesse irratti Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa argamuun. Gabaasa Guutu
Godina Haragee Bahaa Ona Baddannoo keessatti yeroo dheeraf ilmaan Oromoo diina ajjeesisaa fi hiisisaa kan ture Lukkee Wayyaanee irratti tarkaanfiin fudhatame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 8,2009) Faallaa qabsoo bilisumma ummanni Oromoo mirga isaaf godhaa jiruu dhaabbatuun yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo diina miisisaa kan ture ergamaan diinaa Mohammad Yuusuf je’amu irratti tarkaanfiin maayyii sabboontota Oromoon fudhatame. Gabaasa Guutu
Wayyaanotni diinummaa barattoota Oromoof qaban irraa qormaata biyyooleessaa kutaa 10 ffaa irraa dhorkuun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 6,2009) MOA magaalaa Harari irraa gabaasaan akka hubachiisanitti, Wayyaanee fi ergamtoonni barattoota Oromoo magaalaa Hararii baratan lukkee isaanii ta’uu didanii fi diinomfatan barattoota 80 ol ta’an qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa akka hin fudhanne dhorkuun qormaata irraa ari’anii jiran. Gabaasa Guutu
Barattooti Oromoo Yuniversity Hawwaasaa 3000 ol tahan Hiriira Mormii Jabaa Godhan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 4,2009) Gabaasaan jalqabaa akka University Hawaasaa irraa nu dhaqabetti Barattoonni Oromoo universitichaa sirni bittaa Wayyaanee miidhaa ummata Oromoo irraan gahaa jiru daranuu kan hammaataa dhufee fi dhabiinsa bilisummaa irraa sabi Oromoo guutuun dararamaa jiraachuun. Gabaasa Guutu
Lola mootummaan Wayyaanee Oromoota Gujii fi Sidaamaa gidduutti qabsiiseen namootni 29,750 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 3,2009) Maddeen oduu itti dhiheenya qaban akka gabaasanitti lola mootummaan wayyaanee Caamsaa 22,2009 irraa qabee Oromoota Gujii fi Sidaamaa gidduutti qabsiisee jiruun namootni 29,750 ol ta’an qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii dirree irratti faca’uun qaama isaanii dirmatu dhabanii rakkina hamaaf saaxilamanii jiru. Gabaasa Guutu
Caamsan 20, Wayyaanotaan guyyaa ummatoota Itophiyaa itti bilisoomsine jedhanii yeroo ololan kanatti, barattoota Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa biratti ammo gaddaan yaadatame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 2,2009) Gootowwan barattoota Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa Caamsaa 20 guyyaa ummata Oromoo dabalatee ummattoonni cunqurfamoon Impaa’iratti harqoota gabrummaa haaraa wayyaanee jala itti galan gaddaan yaadatuun dabarsan. Gabaasa Guutu
Wayyaaneen dargaggoota Oromoo maallaqaan gowwoomsitee filannoo dhufu irratti akka ishee filaniif yaalaa kan jirtuu tahuu fi diddaanis akka mudate gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 1,2009) MOA akka gabaasetti mootummaan Wayyaanee karaa mootummaa naannoo Oromiyaa ergamtuu isaa ta’een maallaqa guddaa dhangalaasee dargaggoota Oromoo of jalatti ijaaruun filannoo dhufu irratti akka isa falaniif shira xaxaa jira. Gabaasa Guutu
Mootummaan Wayyaanee qotatee bultoota Oromoo sanyii filatamaa dhorkate.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 30,2009) Ummata Oromoo hiyyoomsuu fi deegsuun akeeka isaa kan ta’e sirni wayyaanee yeroo ammaa sanyii filatamaa qotatee bultoota Oromoo dhorkatee bara itti aanu beela hamaa keessa buusuuf hojjechaa akka jiru maddeen keenya beeksisan. Gabaasa Guutu
Humni Ittisa Biyyaa ajaja paartii jala jiru waraana biyyaa tahuu hin danda’u.
(Ijoo Dubbii ABO/ Caamsaa 30,2009) “Humna Ittisa biyyaa tokko maaltu waraana biyyaa taasisa?” gaaffiin jedhu gaaffii deebii argatuu qabu, dhimma lammii biyyaa hunda ilaaluu fi beekuu qabu dha. Gabaasa Guutu
Walitti bu’iinsa ummata Oromoo Karrayyuu fi ummata Affaar gidduutti dabballootni Wayyaanee dhalchaniin namootni 21 du’uu maddeen keenya gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 27,2009) Dabballootnii fi hidhattootni wayyaanee ummata Oromoo Karrayyuu fi ummata Affaar gidduutti Ona Fantaallee keessatti lola qabsiisanii dhabama lubbuu namaa fi qabeenyaa dhaqqabsiisaa jiraachuu maddeen keenya ifa godhaniiru. Gabaasa Guutu
Dhaabni lukkee Wayyaanee OPDOn dargaggoota Oromoo humnaan miseensa taasifachuuf dhiibbaa gootu mormii fi diddaa dargaggoota Oromoon guutame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 26,2009) MOA akka gabaasanitti jaleen Wayyaanee OPDOn Godina I/A/Booraatti dargaggootaa fi barattoota Oromoo humnaan miseensa godhachuuf dhiibbaa adda addaa irraan geessisaa kan jiran oggaa ta’u, barattootnii fi dargaggootnis mormii qaban mul’ifachaa jiran. Gabaasa Guutu
Mootummaan Wayyaanee(TPLF) Baajeta guddaa ramaduun humna basaasaa haaraa leenjifachaa akka jiru maddeen gabaasan. E-mail fi bilbilaan odeeffannoolee darban meeshaalee butuu danda’an galfachuun isaas bira ga’ame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 25,2009) Oduun Finfinnee iraa nu ga’a akka addeessutti mootummaan wayyaanee dargaggoota kophee haxaa’uun jiraatanii fi dallaalota walitti qabuun leenjii basaasummaa keenaafii jira. Gabaasa Guutu
Murtiilee hirmaattoota seminaara Hawaasa Oromoo godina Awuropaa.
(Caamsaa 25,2009) Seminarri hawaasa Oromoo godina Awuropaa Caamsaa 23 bara 2009 ganama kessaa saatii11:30 irraa egalee waaree booda haga saatii 20:00 itti biyya Beeljigii, magaalaa Antwerpen kessa itti geggefame. Gabaasa Guutu
Raayyaa waraana Itophiyaa jedhamee kan Wayyaaneen waamamu caalaatti ilmaan Tigraayiin dhuunfatamuun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 24,2009) Oduun humna ittisaa wayyaanee keessaa nu dhaqqabe akka ifa godhutti, kan yeroo kamiinuu caalaatti har’a waraana Wayyaanee keessatti kan bakka furtuu irratti bifa haaraan ramadamanii jiran dhalootaan lammii Tigrootaati. Gabaasa Guutu
Qophiin Kaa’immani tan Magaalaa Torontoo keessatti qophooyte Injifannoon xumuramte.
(Caamsaa 24, 2009) Qophiin Kaa’immani tan Magaalaa Torontoo keessatti Caamsaa 17-2009 qophooyte Injifannoon xumuramte. Qophii Hawaasni oromoo naanno torontoo jiraatu hedduun qooda irra fudhate tana haasawa gabaabaan kan bane J/ Yaddi dura taa’aa Kutaa Kanaadaa ti. Gabaasa Guutu
Afrikaan dur irraa kaatee aadaa dimokraasii kan qabdu ta’uu sirni Gadaa Oromo bareechee kan mul’isuu fi fakkeenya guddaa akka ta’e qorataan seenaa lammii Erteraa Prof.Asmarom Laggasee ibsan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 24, 2009) Ardiin biyya Afrikaa dur irraa kaatee aadaa dimokraasii kan qabdu ta’uu sirni Gadaa Oromo bareechee kan mul’isuu fi fakkeenya guddaa akka ta’e qorataan seenaa lammii Erteraa Prof.Asmarom Laggasee ibsan. Gabaasa Guutu
Guyyaan Gootota Oromoo magaalaa Vancouver (British Columbia, Canada) keessatti sirna ho’aan kabajamee.
(Caamsaa 21, 2009) Miseensonni ABO konyaa Magarsaa Barii tii fi hawaasni Oromoo kutaa British Kolombiyaa Guyyaa Yaadanno Gootota Oromoo sirna ho’aan Caamsaa 16, 2009 kabajannee jirra. Gabaasa Guutu
Godina Harargee Bahaa keessatti Ilmaan Oromoo lama dararaa sirnni wayyaanee mana hidhaa keessatti irraan gaheen lubbuun isaanii dabarte.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 19, 2009) Odeessi nu gahe akka ifa godhutti lammiileen Oromoo Obbo Abdurashiid Ibraahimii fi Obbo Hassan Ibraahim Tuulee je’aman dararaa mootummaan wayyaanee irraan gaheen lubbuun dabaranii jiru. Gabaasa Guutu
Korri miseensoota ABO Konyaa Sweden kan waggaa 2009 milkiin xumurame.
(Caamsaa 19, 2009) Korri kun kan jaqabame gaafa caamsaa 15 hiriira nagayaa magaalaa Istokholm keeysatti godhameen yammuu tahu miseensootni fi hawaasni oromoo sweden jiraatan irratti hirmaatanii jiru. Gabaasa Guutu
Kaffaltiin Mindaa dhibuu irraan Bulchiinsa naannoo Gambeellaatti hojjettootni jeequmsa dhalchaa jiraachuu isaanii maddeen gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 18, 2009) MOA Gambeellaa irraa akka gabaasanitti hojjettootni mootummaa naannicha keessatti argaman miindaa kafalamaafii waan hin jirreef mormii dhageessisuu irratti argamu. Gabaasa Guutu
Itoophiyaan Itti fayyadama bilbila Mobile tiin Biyyoota Afrikaa Keessaa Gara dhumaa irratti kan argamtu tahuu Waldaan Telecomunication kan idil addunyaa beeksise.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 17, 2009) Akka gabaasaa waldichaatti Itoophiyaatti lakkoofsi fayyadamtoota bilbila Mobile dhibba keessaa harka lama illee hin gahu. Lakkoofsa ummatoota biyyattii waliigalaa keessaa kanneen tajaajila bilbila Mobile argatan milyoona 1.2 akka hin caalle gabaasaa kana irraa beekuun danda’ameera. Gabaasa Guutu
Mootummaan wayyaanee dhiitamiinsa mirgaa sirni isaa raawwatu irratti gabaasa mootummaan Amerikaa baase fudhatama dhabsiisuuf yaalii inni taasisu, sirnichi yakkaa raawwatu dhokfachuuf carraaquu agarsiisaa jechuun Dr.Mararaa Guddinaa ibsan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 14, 2009) Dura ta’aa K.U.O. kan ta’an Dr.Mararaa Guddinaa maddeen Finfinneef ibsa kennaniin akka hubachiisanitti, mootummaan wayyaanee dhiitamiinsa mirgaa hin raawwanne jedhee gabaasa Amerikaan irratti dhihaate haaluuf oggaa yaalu, eenyuun gowwoomsuuf akka yaalu namaa hin galu jedhan. Gabaasa Guutu
Guyyaa yaadannoo Goototaa Konyaa ABO Frankfurt-Jarmanii keessatti haala ho'aan kabajame!
(Caamsaa 14, 2009) Miseensonni ABO Konyaa Frankfurt fi Tokkumman Baratoota Oromoo Jarmanii, damen Hessen guyyaa seena qabessa Gotoota Oromoo sirna ho’aan Caamsaa 03 , 2009 Magaalaa Frankfurt keessatti kabajee oole. Gabaasa Guutu
Miidhaa Miseensi Paarlaamaa Obbo Guutuu Mul’isaa irra gahee ture dhoksuuf Televiziyoona Ethhiopia irratti Wayyaaneen dhiyeenya kana lallabaa turte Obbo Guutuun dogoggora tahuuu saaxilan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 13, 2009) ‘Sudan Tribune’ madda Oduu ‘Jimma Times’ waabeffatuun akka gabaasetti, Oromiyaa Ona Ilfataa keessaa Kongrasii Ummata Oromoo bakka bu’uun Paarlaamaaf kan filaman olola sirni wayyaanee gabaasaa waggaa haala dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa irratti Amerikaan baase dhaaressuuf TV isaa irratti oofaa turee fi miidhaa isaan irra ga’e haguuguuf yaale balaaleffatan. Gabaasa Guutu
Waraanni Wayyaanee Godina Harargee dhihaa keessaa ummata saamuu fi miidhuu ba’inaan itti fufe.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 11, 2009) MOA akka gabaasanittii waraanni wayyaanee Godina Harargee dhihaa Onoota adda addaa keessatti argamu ummata Oromoo Oromummaan yakkee saamaa fi miidhaa adda addaa irraan ga’aa jira. Gabaasa Guutu
Biyya Dhaaloota Isaa Oromiyaa Keessatti Irreechaa Arfaasaa Haala Hoo’aan Deebi’ee Kabajame!
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 10, 2009) Ayyaanni Irreechaa kan Arfaasaa har'a, Caamsaa 10, 2009 Godina Jimmaa, Tulluu Beekii irratti sirna oo’adhaan kabajamee ooleera. Gabaasa Guutu
Wayyaaneen Mirga Iccitii Dhuunfaa Lammiilee Biyyaa Cabsitee waraabaa Jirti!
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 09, 2009) Sirni Wayyaanee mirga iccitii dhuunfaa lammiilee biyyaa seeraan ala darbuun waraabdee basaasaa jiraachuun saaxilamen. Gabaasa Guutu
Waamicha Hawwaasa Oromoo Ugandaa.
(Caamsaa 9, 2009) Hawwaasni Oromoo Ugaandaa guyyaa ayyaana goototaa bara 2009 sirna howwaan magaala Kampala keessatti kabaje ooleera. Ayyaana kanarratti kan hirmaatan manguddoota, dargaggootafi shamararran. Gabaasa Guutu
Yaadannoon Guyyaa Gootoota Konyaa Ohio Magaalaa Columbus tti Kabajamee Olee.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 8, 2009) Ayyaannii guyyaa gootoota oromoo caamsaa May 02, 2009 waaree booda sa’aa 11:00am irraa egalee magaala Columbus ohio tti haala owwaan. Kabajamee ole.konyaan ohio ayyaana kana sababa godhuudhaan walgahii misseensaa fii hawaasa Columbus ohio fii naannoo issittii argamuu wajjiin kabajatee ole jira. Gabaasa Guutu
Konfiresiin Hawaasa Oromoo fi kora Miseensota ABO kutaa Australia akkasumas Guyyaan Gootota Oromoo Magaalaa Melbourne Australiatti gaggeeffame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 4, 2009) Konferensiin Hawaasa oromoo Australia, Guyyaan Gootota Oromoo fi Korri Waggaa miseensota ABO Australia akka karoorfametti milkiidhaan xumuramee jira. Gabaasa Guutu
Guyyaa gootota Oromoo Konyaa ABO-Kibba Kalifornia (Los Angeles) tti sirna ho'aan kabajamee olee.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 2, 2009) Konyaan ABO-Kibba Kalifornia teesso isaa magaalaa Los Angeles godhate irratti Ebla 25, 2009 Guyyaa Gootota Oromoo Sirna ho’an kabajee oole. Gabaasa Guutu
Sirna kabajiinsa guyyaa gootota Oromoo fi ibsa ejjanno miseensota ABO fi hawaasa Oromoo magalaa Würzburg, Jarmanii.
(Ebla 28, 2009) Miseensoonii ABO FI Hawaasin Biyya Jarmanii magaalaa Würzburgiitti argamnnu Ebla 25.2009 Guyyaa goototaa sirna oowwaan kabajannee ollee jirra. Gabaasa Guutu
Dhaddechi Wayyaanee Sabboontota Oromoo lamarratti Murtii Dabaa Dabarse!
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 26, 2009) Manni Murtii Sirna Wayyaanee sabboontota Oromoo lama irratti mata mataan adaba murtii waggaa afurii murteessuun isaa gabaasame. Gabaasa Guutu
Guyyaan Gootoota Oromoo Magaalaa Denver keessatti haala oowwaan kabajame.
(Ebla 24,2009) Miseensonni ABO konyaa denver fi hawaasni Oromoo Colaradoo guyyaa seena qabessa gotoota Oromoo sirna oowwan Ebla 18, 2009 Magaalaa Denver keessatti kabajannee jirra. Walgahiin kun akka aadaa oromoon kan eebba manguddoon baname yoo tahu, tuutni dargagoo fi shamarran Oromoo faaruu Alaabaa itti aansuun jalqabuma irraa sirna owwisani jiru. Gabaasa Guutu
Godina Wallootti wayyaanotnii fi lukkeewwan isaanii barattootaa fi ummata badii malee yakkanii hidhaatti darbaa jiran.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 21,2009) MOA akka gabaasetti Godina Walloo magaalota akka Baateefaa keessaa wayyaanotnii fi lukkeewwan isaanii barattoota Oromoo basaasuun badii osoo hin qabaatin akka hidhaman taasisaa jiran. Gabaasa Guutu
Guyyaan Gootota Oromoo magaalaa Atlaantaa keessatti sirna ho’aan kabajame.
(Ebla 21,2009) Guyyaan Gootota Oromoo Magaalaa Atlaantaa Georgia keessatti sirna ho’aa fi hamilee cimaan kabajamee jira. Kabaja ayyaana goototaa kanaa irratti hawwaasni Oromoo Magaalaa Atlantaa Georgia fi naannoo isaa jiran, akkasumas kutaalee America naannoo Georgia jiraatanis irratti argamuun hirmaattuu ayyaana kanaa ta’anii jiru. Gabaasa Guutu
Yaadannon Guyyaan Goototaa Ebla/April / 18 Biyya Germany Konyaa ABO Munshiin ittin , qopha`ee sirna miidhagnaan kabajame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 20,2009) Yaadannoon Gootota Oromoo magaalaa biyya Germany Munshinitti banama kana eeba manguddootaa fi faaruu alabaa sirna o`aan baname. Gabaasa Guutu
Yaadannoon Guyyaan Goototaa Ebla 18 Konyaan ABO Stavanger magaalaa Stavanger, Norway keessatti qopheesse milkii fi injifatnoon xumuramee jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 19,2009) Konyaan ABO Stavanger fi Hawaasni Oromoo naanoo Stavanger yaadannoo Guyyaa Gootota Oromo Ebla 18 magaala Stavange keessatti kabajatee ooleera. Gabaasa Guutu
Guyyaa Gootota Oromoo fi Dhaamsa Barruun Xirroo Kenya Irraa Qabu.
(Ebla 19,2009) Beekumsaafi Qaroomina Jaarmayaa WARRAAQSAAn Haaqabsoofnu!
Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa seenaa sabboonsaa barayyuu
leellifaman hedduu qabna. Gabaasa Guutu
Gayyaanni Guyyaa Gootota Oromoo, Ebla 15, Sirna Ho'aan Kabajamaa Jira!
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 18,2009) Ayyaanni Guyyaa Gootota Oromoo,EBLA 15, bakka ummanni Oromoo kuma lamaa ol ta’an argamanitti sirna haa’aafi miira olaanaan Naayiroobii, Keenyaa keessatti kabajamee ooluun gabaasame. Gabaasa Guutu
Dhaamsa Waldaa Dargaggoota Oromoo Keenyaa.
(Ebla 18,2009) Waldaan Dargaggoota Oromoo Keenyaa, WDO_K, kan bara 2001 walakkeessa keessa hundeeffame, haala gara-garaa keessa qaxxaamuree, har’as kunoo, akkuma kana duraatti, ayyaana guyyaa Gootota Oromoo kabajachuutti jira. Gabaasa Guutu
Yaadannoon Guyyaan Goototaa Ebla 15 Konyaa Minnesota , Konyaa Oromiyaa fi Konyaa WBO Minnesotan Magaalaa Minneapolis keessatti qopha`ee milkii fi injifatnoon xumuramee jira.
(Ebla 17,2009) Yaadannoon Gootota Oromoo kun eeba manguddootaa fi faaruu alabaa fi gotootaan Hawisoo Caayaa Dargaggootaa kan ta`ee Caayaa Bokkuun sirna o`aan banamee. Gabaasa Guutu
Walgahiin Ummataa Magaalaa Torontoo Injifannoon Xumuramte.
(Ebla 16,2009) Walgahiin ummataa tun kutaa ABO kaanaadaatiin qophoyte.walgahii kana irratti miseensoota ABO kutaa kaanaadaa,miseensoota Caayaalee ABO fi Ummata Oromoo magaalaa Toronto fi naannawa kana qubatantu hedduminaan irratti irgame. Gabaasa Guutu
Ibsa Ejjennoo Miseensota ABO Kuta Kanaadaa.
(Ebla 16,2009) Nuti miseensonni ABO Kutaa Kanaadaa teessoo, marii waliigalaa fi work shopi guyyaa lamaaf haala gaariin gaggeeffachuu dhaan Guyyaa ayyaana gootota Oromoos hawaasa keenyaan waliin ta’uu dhaan sirna ho’aan kabajannee jirra. Gabaasa Guutu
Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo , Ebla 10, 2009 Magalaa Toronto, Kanaadaa.
(Ebla 16,2009) Guyyaan yaadannoo goototaa guyyuma Jimaataa galgala ture. Galma qabamee keessa Alabaan mallattoo Oromummaa fi faajjin farra gabrummaa gidaaraa fi bakka teessumaa naanna'ee jira, Shamarranii fi hawwan hedduminaan argamuu irratti dabalee uccuu aadaa mallattoo alabaa ABO keenyaan mimmidhageera. Gabaasa Guutu
Sirni Wayyaanee marroo lammataaf magaalaa D.Dhawaa keessatti Oromoo fi Amaara walitti naquuf shira xaxaa jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 16,2009) Imaammata qoqqoodanii bituu fi ummatoota walitti diruu kan hordofu mootummaan wayyaanee, ammas bifa biraan magaalaa D.Dhawaa keessatti Oromoo fi Amaara wal irratti kakaasuuf shira xaxaa akka jiru maddeen gabaasan. Gabaasa Guutu
Imaammata qoqqoodanii bituu kan hordofu mootumaan wayyaanee Oromoo fi Affaar walitti buusee wal ficisiisaa akka jiru meddeen gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 15,2009) MOA akka gabaasetti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa Godina Wallootti Oromoo fi fi Affaari walitti buusee dhumaatii lubbuu qaqabsiisaa jira. Gabaasa Guutu
Hawwasni Oromoo biyya UK Guyyaa Gootota Oromoo kabajate.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 15,2009) Hawwasni Oromoo biyya UK, Ebla 15, 2009, guyyaa Gootota Oromoo magaalaa London fi magaalaa Leeds kessaatti sirna ho’aan kabajan. Gabaasa Guutu
Waraanni Wayyaanee hedduun yeroo loltummaa keenyaa waan xumuranneef itti fufnee loltummaan jiraachuu hin barbaadnu jechuun diddaa kaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 14,2009) Oduun keessa waraana Wayyaanee irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti sirnichi loltoota yeroo loltummaa isaanii xumuratanii jiranitti tajaajila waggaa 7 bifa haaraan itti fufanii akka kennan murteessu illee, waraanni hedduun mormii kaasee keessaa badaa jira. Gabaasa Guutu
Guyyaa Gootota Oromoo Magaalaa Seattle Haala Boonsaa taheen Kabajamee!
(Ebla 13, 2009) Guyyaa gootota Oromoo bara 2009 - Ebla/ April 4, 2009 magaalaa Seattle, Washington ti haala ho'aan kabajame, kun akkuma aadeeffannetti eebba maguddoo fii faaruu alaabaan jalqabame. Gabaasa Guutu
Dhaddechi Wayyaanee Sabboontota Oromoo lamarratti Jala Murtii Dabaa Dabarse!
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 13, 2009) MannI Murtii Sirna Wayyaanee sabboontota Oromoo lama irratti jala murtii dabaa dabarsuun akka mana hidhaa Qaallitti galan ajajuun gabaasame. Gabaasa Guutu
Guyyaa gotootaa kan ABO konyaa Sweden magaalaa Istookolmitti haala owwaan kabajame oole.
(Ebla 12, 2009) Ayyaanni kabaja guyyaa gotootaa kan ABO konyaa Sweden gaafa Ebla 11 magaalaa Istookolmitti haala owwaan kabajame oole. Gabaasa Guutu
Mootummaan Mallas Zeenaawwii abbaa irrummaa isaa daran jabeeffachaa deemuun biyyattii keessatti yaaliin dimokraasii argamsiisuuf godhamu abjuu ta’ee akka hafu taasisaa jira jechuun beektotni hubachiisan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 11, 2009) Torban kana keessa mootummaan wayyaanee karaa TV. isaan dandeettii waraanaa fi meeshaa lolaa oomishachaa jiraachuu isaa agarsiifachuun ololli geggeessaa jiru. Gabaasa Guutu
Giddu Galeessa Oromiyaa keessatti dararaan dhaabni maxxantuu OPDO ummata irratti raaw’atu hammaate, mormiin ummataas babal’ate
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 10, 2009) Odeessi giddu galeessa Oromiyaa irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti dabballoonni OPDO ummata sirna isaaniif buluu dide irratti tarkaanfii abdii kutannaa fudhachaa jiran. Gabaasa Guutu
Magaalaa Amboo fi naannoo isiitti wal diddaan hojjetoota mootummaa fi dabballoota Wayyaanee gidduutti dhalate hammaachuun gabaafame
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 9, 2009) Akka MOA magaalaa Amboo irraa gabaasanitti dabballoonni wayyaanee hojjetoota mootummaa doorsisanii miseensummaa guuchifachuuf ijibbaatan illee hojjettoonni dhamaatii dabballoota diinaa kana bu’aa malee hambisuu tu hubatame. Gabaasa Guutu
Godina I/A/Booraatti qotatee bultootni Oromoo deeganii miidhaa olaanaaf saaxilamanii jiru.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 7, 2009) Oduun Godina I/A/Booraa irraa MOA dhaqqabe akka ifa godhutti, yeroo mootummaan Wayyaanee fi ergamtuun isaa OPDOn qotatee bultootni Oromoo quufanii miliyoonera ta’an jechuun ololaa jiran kanatti. Gabaasa Guutu
Oromootni Biyya Ingilizii abbaan irree Mallas Zenawwii Mormanii Magaalaa London keessatti Hiriira bahan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 5, 2009) Walgahiin biyyoota dureyyii 20 (G20 summit) Caamsaa (April) 1-2, 2009 magaalaa London bakka Excel Royal Victoria Dock jedhamutti geggeffamuun isaa ni beekama. Gabaasa Guutu
Mootummaan Wayyaanee Godina Harargee Lixaa keessatti ummata Oromoo fi Somaalii gosa Iissaa walitti buusuf shira xaxaa akka jiru dhagahame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 4, 2009) Ummattoota gosaa fi amantiin walitti buusun urmii aangoo isaa dheereffatuun kan beekamu sirni abbaa irree wayyaanee Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eesso keessatti ummata Oromoo fi Somaalii gosa Iissaa waliitti diruuf shira xaxaa jira. Gabaasa Guutu
Ficilli barattoota Oromoo Geedoon qabsiifame ammallee itti fufuu irraa manni barumsaa Geedoo akka cufamu dabballoota Wayyaaneen murteeffamuu isaa maddeen gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 3, 2009) Humnoonni Faashistii Wayyaanee barataa Wandimmuu Daammanaa ajjesuu isaaniitti fufee kan babal’ate fincilli barattoota Oromoo Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Geedoo fi naannoo sanii ammayyuu hin dhaamin akka jiru hubatameera. Gabaasa Guutu
Bitootessa 28, 2009 Guyyaa Yaadannoo Gootota /GYG/Canada Edmontonitti haala howwaan kabajame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 2, 2009) Edmonton Canada irraa MOA akka gabaasetti Sirna kabaajaa kanaa irratti Hogganni dhaabaa olaanaan I/G Dhimma alaa ABO MSHG GS ABO J/Tamaam Yusuuf, Qondaalotni ABO fi MABO kutaa kanaadaa, akkasumas Deggertootni ABO Hayyootni Oromoo Professor Kuwwee Kumsaa, fi Professor Mohaammad Hasan irraatti argamuun hawaasa Oromoof barnoota bal`aa kennaniiru. Gabaasa Guutu
Barattoonni Oromoo Yunversiitii Haramaayaa ayyaana jalee wayyaanee OPDO irratti uffata garagalchanii uffachuun mormii sirnichaaf qaban agarsiisan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 2, 2009) Sab-boonton barattoota Oromoo Yunvesiitii Haramaayaa ayyaana OPDO irratti uffata garagalchanii uffachuun jibbaa fi gadda guyyaa kanaaf qaban agarsiisuun oduun achi irraa nu gahe hubachiiseera. Gabaasa Guutu
Barattootni Oromoo Yunversitii fi Kolleejjota dhuunfaa naannoo Ambooo walitti dhufanii dhimma QBO irratti mari’atan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 1, 2009) Yunversitii Amboo fi kolleejjota dhuunfaa naannoo Amboo keessaa kan baratan barattootni Oromoo dhiheenya kana walitti dhufanii dhimma QBO irratti mari’achuun ibsa ejjennoo baafatan. Gabaasa Guutu
Mootummaan wayyaanee afaan qawween ummata bulchuu dhaabuu akka qabu paartileen mormitootaa Oromoo gaafatan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 30, 2009) Warraaqsi Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo fi Kongirensiin Ummata Oromoo ibsa gamtaan gidduu kana baasaniin, mootummaan wayyaanee afaan qawween humnaan ummata ukkaamsee bituu dhaabuu akka qabu gaafatan. Gabaasa Guutu
Korri guddaan kutaa ABO New Zealand milkiin xumuramee jira.
(Bitootessa 30, 2009) Nuti miseensonni ABO Kutaa NZ Kora guddaa kan bara 2009, Bitootessa 28 fi 29 magaalaa Aucklanditti gageefannee milkii fi injiifannoon xumurannee jirra. Kora kana haasa'aan kan banan DT kutaa NZ yeroo ta'u akkasumas bakka bu'oonni konyaa walduraa duubaan haasa'a godhanii jiru. Gabaasa Guutu
Korporeeshiniin Humna Ibsaa Itoophiyaa, raabsii tajaajila Ibsaa darabee/Faraqaan/ taassisuuf ka jiru ta’uun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 20, 2009) Maddeen itti dhihoo akka gabaasanitti Korporeeshiniin humna Ibsaa Wayyaanee torbanoota lamaan dhufan booda tajaajila Ibsaa Faraqaadhaan raabsuuf murteesseera. Gabaasa Guutu
Hayyuun siyaasaa Ameerikaa ol’aanaan tokko Mootummaan Wayyaanee galmee dhiittaa mirgoota namoomaa ummata Oromoo irratti raawwate bal’aa tahe qabaachuu saaxilan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 19, 2009) Itoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa tahuun si’a 2 kan hojjetanii fi wayta ammaa kana Ameerikaa Yunvarsitii Joorj Waashiingtanitti barsiisaa kan tahan Profeesar Deeviid Shiin, wayyaaneen ummata Oromoo irratti galmee dhiittaa mirgootaa bal’aa qabaachuu ibsan. Gabaasa Guutu
Midhaan Gargaarsaan Argame Lukkeewwaniin Wayyaaneen Gurguramaa Jiran!
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 18, 2009) Godina Shawaa Lixaa Ona Sayyootti Midhaan Gargaarsaa (Qamadii) ummata beela'eef qaamni addunyaa gumaache lukkeewwan wayyaanee maallaqaan gurgurachaa jiraachuun isaanii dhagahame. Gabaasa Guutu
Godina Baha Wallaggaatti Hojjattoonni Mootummaa fi Jiraattoonni Magaalaa Walgahii Ergamtootaa Fashalsan, barattoonnis diddaa mul’isan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 17, 2009) MOA Wallagga irraa akka addeessutti godina Baha Wallaggaa lukkeewwan Wayyaanee torbaan dabre keessa Barsiisota, Hojjattoota Misoomaa akkasumas qaama hawaasaa jiraattoota magaalaa garaa garaa walitti qabuun yaaliin deeggarsa irraa argachuuf godhan jalaa fashaleera. Gabaasa Guutu
Mootummaan Wayyaanee, yeroo lammaffaaf Baha Wallaggaa keessatti Oromoo fi Gumuziin wal lolchiisuuf shira olaanaa shiraa jiraachuun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 16, 2009) MOA Dhiha Oromiyaa irraa akka gabaasanitti ummatoota qoqqoodee bituu fi wal dura dhaabuun mootummaa isaa kan tikfataa jiru sirni gabroomfattuu wayyaanee, Baha Wallaggaa keessatti yeroo lammaffaaf Gumuzootni akka Oromoo irratti duulaniif ijaaree qawwee hidhachiisuun bobbaasaa jira. Gabaasa Guutu
Itoophiyaan guddina teknooloojii odeeffanoo fi wal qunnamtii ykn Information Communication Technology tiin biyyoota addunyaa 154 keessaa 147ffaa irratti akka argamtu beekame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 15, 2009) Gabaasaaleen akka hubachiisanitti, Itoophiyaan Wayyaanotaa bara 2002 irraa qabee hanga har’aatti guddina teknooloojii odeeffannoo fi wal qunnamtii ykn ICTtiin fooyya’insa homaatuu agarsiisuu hin dandeenye. Gabaasa Guutu
Godina Shawaa Bahaa Ona Aqaaqii keessatti akeekni Wayyaanee OPDOn gaggeefamu sabbontota Oromoo ogeeyyota fayyaa fi qonnaa tahan biratti fashale.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 14, 2009) Odeessi nu dhaqqabe akka ifa godhutti, ogeeyyonni fayyaa fi qonnaa Godina Shawaa Bahaa Ona Aqaaqii keessatti argaman ergamtoonni diinaa miseensa isaanii taasifachuuf yaalii godhan harkatti fashalsan. Gabaasa Guutu
Ummanni Oromoo roorroon isa hube Fincila diddaa gabrummaa tasiseen Wallagga, Limmuu Galiiaatti lukkeelee diinaa irratti tarkaafii laaleessaa fudhate!
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 13, 2009) Bitootessa 8,bara 2009 Wallaga Horroo Guduruu ona Limmuu Galiilaa Ganda Qonnaan Bulaa saphiira meexxii jedhamu keessatti ummatni Oromoo gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kaasaa turan baroota dheeraaf mootummaa Wayyaanee irraa deebiin kennamaa ture,hidhaa,rrebicha ajjeechaa. Gabaasa Guutu
Magaalaan Geedoo loltoota Wayyaaneen marfamtee dhiphataa akka jirtu MOA gabaase.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 12, 2009) Sochii barattoota Oromoo Godina Shawaa Lixaa magaalaa Geedootti dhalateen wal qabatee mootummaan faashistii wayyaanee sodaan liqimfamuun humna waraana isaan magaalattii fi naannoo sana marsee jiruu. Gabaasa Guutu
Dabballootni Wayyaanee Sababa amantii xureessitan jedhuun Baha Wallaggaa Godina Horroo Guduruu keessaa ilmaan Oromoo hidhaa jiran.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 11, 2009) Maddeen oduu keenyaa akka gabaasanitti, sabboontotni Oromoo Baha Wallaggaa Godina Horroo Guduruu keessaa maqaa amantii xureessan jedhuun dabballoota wayyaaneen dharaan yakkamanii hidhaatti darbamaa jiran. Gabaasa Guutu
Itti aanaa gaazexaa Sayifa-nabalbaal waggoota sadiin dura ggurame irratti himannaan dhiyaatuu maddeen gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 10, 2009) Mootummaan Wayyaanee gaazexaa Sayifa-nabalbaal, kan waggoota sadihiin dura gabaa Pireesii irraa uggureef itti aanaa qopheessaa kan tahan obbo Asraat Wadaajoo irratti himannaa dhiyeessuu maddeen Finfinnee gabaasan. Gabaasa Guutu
Ummatni Oromoo Godina Harargee Lixaatti dhaaba jalee Wayyaanee OPDOf maallaqa akka kennu dirqamaa jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 9, 2009) Ummata Oromo waan nyaatu dhabee beelaan harca’aa jiru dabballootni Wayyaanee Godina Harargee Lixaa keessa naanna’uun OPDOf maallaqa kennaa jedhanii gidirsaa jiru jechuun maddeen keenya ifa godhan. Gabaasa Guutu
Polisoota Wayyaanee barattoota Oromoo reebuuf ergaman keessaa 7 ofiif dhaanamanii salphinaan dacha’an. Barsiisotii fi hojjettooti Oromoos walgahii ergamtootaa dhiitanii bahan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 8, 2009) Bitootessa 5 bara 2009 barattooti Oromoo Calliyaa Fincilii aana Caliyaa Magaalaa Geedoo keessatti kaasuun isaanii hubatame. Gabaasa Guutu
Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe! Barataan Oromoo Geedootti gootummaan Wareegame, Kaan Madaayan. 80 ol ammo University Bahir-Darii Ariyaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Bitootessa 7,2009) Mootummaan faashistii Wayyaanee Godina Shawaa Dhihaa magaalaa Geedootti barataa Oromoo Wandimmaa Daammanaa jedhamu ajjeesuu fi kanneen biroo madeessuun isaa sirnichi diinummaa fi jibba ummata Oromoof qabu caalaatti hammeessuu isaa mul’isa. Gabaasa Guutu
Fincilli maali? Maaliif barbaachisa?
(Bitootessa 5,2009) Waan hundi ruuda (Universe) keessa jiru taateefi baatee [cause and effect] qaba. Waanni tokko waatokko malee hintaane. Gabaabaatti “Waan tokko irraa waa takko dhufa” Fakkaata yaada (logically) kanarra ejjechuun Fincila dudduuba waanni tokko akka jiru tilmaamuun nama hin dhibu. Gabaasa Guutu
Qondaalonni Wayaanee “Dhaaba OPDO kufaatii irraa dandamachiisaa.’ kan jedhuun, hojjattoota Oromiyaa walgahiin muddaa akka jiran barame, godina Iluu Abbaa Booraa Onoota hunda keessatti wal gahiin gaggeeffamaa jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 4,2009) Kaabinoonni dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO yeroo ammaa kana godina Iluu Abbaa Booraa Onoota hunda keessatti hojjattoota seektara hundaa walgahiidhaan muddaa jiran; akka gabaasaan nu gahe ifa godhutti. Gabaasa Guutu
Murtii fi Ejjetnoo Kora Xiqqaa ABO-US.
(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 3,2009) Nuti miseensotni ABO Kutaa USA walgahii Kora Xiqqaa kan bara 2009 Guraandhala 28 fi Bitootessa 1, 2009 magaalaa Washington DC keessatti geggeeffatnee milkii fi injifatnoon xumuranne. Gabaasa Guutu
Wal Diddaan barattoota Oromoo Yunivarsitii Baahir-daar fi sirna Wayyaanee gidduutti dhalate jabaatee itti fufuun, barattoonni Oromoo 2 barnoota irraa ar’aman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 3,2009) Maddeen keenya akka gabaasanitti ergamtoonni badii sirna Wayyaanee walitti bu’insi barattoota Oromoo fi saboota biroo gidduutti uumuuf yaalan waan jalaa fashaleef barattoota Oromoo lama dharaan yakkanii barnoota irraa arii’an. Gabaasa Guutu
Walgahiin Ummata Oromoo Magaalaa Otowwaa Kanadati Geggeefamte.
(Guraandhala 21, 2009) Walgahiin ummata Oromoo kutaa Kaanaadaa magaalaa guddittii tan taate magaalaa Otowwaa keessati haala hedduu owwaa taheen geggeeffame injifannoon xumurame. Gabaasa Guutu
Walgahii Ummata Oromoo Kutaa ABO UK Sirna Howwaa fi Milkiin Gaggeefame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Guraandhala 18, 2009) Walgahiin ummata Oromoo kutaa UK, Guraandhala 14, 2009 magaalaa London keessatti ta'e haala ho'aan geggeeffamee, marii bu'aa qabeessa godhatee milkiin xumurameera. Gabaasa Guutu
Ibsa ejjannoo hirmaattota seminaara ummata Oromoo biyya Jarmanii.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Guraandhala 16, 2009) Seminarri kun guraandhala (February) 14 (Sanbata-duraa) bara 2009 ganama kessaa saatii 11:00 irraa jalqabee haga saatii 19:00 magalaa Frankfurt itti geggefame. Gabaasa Guutu
Maal Dhaamti Oromiyaan? (Walaloo J/O. O.)
(Guraandhala 16, 2009) Yaa ilmaan koo, ilmaan abbaa biyyaa; Bara dhibba caalaa boolumaahiin iyyaa; Na hammattee jirtii hin'agarre wayyaa; Jiraachuu hin'dandeenyee maalumaa naa wayya; Sossoohuu dadhabee qamni na furfuree; Dhaabatuu hin'dandeenyee miili na kurkuree. Gabaasa Guutu
Lixa Harargee keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu akkaan babal'atee ummata gaaga'aa jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Guraandhala 14, 2009) Sirni Wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee duula hidhaa geggeessu itti fufuun Godina Harargee lixaa keessatti diinummaa hammaataa mul'ifataa jira. Gabaasa Guutu
Godina Shawaa Lixaa Ona Baakkoo Tibbeetti jiraattonni ganda Bacarraa lafaa fi qabeenya isaanii irraa buqqifamaa akka jiran maddeen gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Guraandhala 13, 2009) Gabaasaan nu dhaqqabe akka ifa godhutti Ona Baakkoo Tibbeetti jiraattoonni ganda Bacarraa, abbootii qabeenyaa Hindiitiif jecha lafaa fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamaa jiru. Gabaasa Guutu
Tooftaan Dulloomaan Wayyaanee fi Lukkeeleen isaa maqaa Operation miseensotaa fi Jaarmiyaa ABO godina bahaa rukutuu jedhuun baafatan saaxilame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Guraandhala 12, 2009) Maddeen itti dhihoo akka gabaasanitti sirni Wayyaanee jaarmiyaa ABO kan baha Oromiyaa dhabamsiisuu kan jedhuun duula bal'aa ummata irratti gaggeessuuf qophii irratti argama. Gabaasa Guutu
Kibba Oromiyaatti walitti bu'iinsa sirni wayyaanee gosa Oromoo Booranaa fi Garrii gidduutti dhalcheen miidhaa guddaan dhaqqabe.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Guraandhala 11, 2009) Oduun MOA dhaqqabe akka hubachiisutti walitti bu'iinsa dabballootni wayyaanee Kibba Oromiyaatti gosa Oromoo Booranaa fi Garrii gidduutti dhalchaniin erga torban tokkoo as lolli jabaan geggeeffamaa jira. Gabaasa Guutu
Wayyaaneen Humna Qabdu Maraan Sabboontota Oromoo Dhabamsiisuuf Haalaan Hojjachaa Jiraachuu, Hidhaa TPLF irraa miliqee kan bahe Sabboonaan Oromoo Artist Lammii Sooriin Saaxile.
(Madda Oduu ABO, Guraandhala 07, 2009) Sirni wayyaanee yeroo ammaa kana caasaafi humna qabu maraan sabboontota Oromoo lafa irraa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru ibsame. Gabaasa Guutu
Wayyaaneen Sabboontota Oromoo Hedduu Ukkaamsuuf Karoorfatte!
(Madda Oduu ABO, Finfinnee, Guraandhala 01, 2009) Humnooti tikaafi ergamtooti wayyaanee sabboontota Oromoo hedduu hidhuuf karoorfatanii hordofaa akka jiran saaxilame. Gabaasa Guutu
|